Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministriin Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis Haalli Qabinsa Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa fi Ertiraa Bara Dabree Hamaa Tahuu Gabaase


FAAYILII- Waajjira Ministeerii Dhimma Alaa Yunaayitid Isteets, Waashingitan, Diisii, Adoolessa 22, 2019
FAAYILII- Waajjira Ministeerii Dhimma Alaa Yunaayitid Isteets, Waashingitan, Diisii, Adoolessa 22, 2019

Ministeerri Dhimma Alaa kan Yunaayitid Isteets waa’ee mirga namoomaa ilaalchisee gabaasa kan waggaa baasee jira. Biyyoota tarreeffaman keessaa Eertiraa fi Itiyoophiyaa haalli mirga namoomaa hammaataa waggaa darbe galmeessaniiru.

Itiyoophiyaa keessatti dhimmoonni mirga namoomaa gurguddoon gabaasa amanamaa ta’an qaban kanneen akka ajjeechaa seeraan alaa, ajjeechaa murtii malee raawwatamu dabalatee dirqiin dhabamsiisuu; dararaa ykn goch gara jabummaa mootummaan raawwachuu ibsee jira.

Haalli mana hidhaa keessaa cimaa fi lubbuu namaa balaa irra kan buusu ta’u, hidhamtoota siyaasaa ykn hidhamtoota biraa walitti bu’iinsa keessatti miidhaa cimaa du’aan ga’u akkasumas miidhaa namoota nagaa irratti seeraan alaa bal’inaan raawwatame kanneen gabaafaman keessa jiru.

Waggaa kana keessa haala mirga namoomaa Ertiraa irratti jijjiiramni guddaan hin mul’anne kan jedhu gabaasnii kun. Ji’a Bitooteessaa keessa Ministirri Dhimma Alaa Yunaaytid Isteetis Raayyaan Ittisaa Eertiraa yeroo waldhabdee Itoophiyaa Kaabaa sana yakka waraanaa, akkasumas ajjeechaa, gudeeddii, fi hokkara saalaa gosa biroo dabalatee yakka dhala namaa irratti raawwatamu akka gaggeesse murteessee jira.

Kana malees, Dhimmoonni mirga namoomaa gurguddoon gabaasa amansiisaa qaban, dirqiin dhabamsisuu; dararaa gara jabummaa, mootummaan raawwachuu ykn adabuu; haala mana hidhaa cimaa fi lubbuu namaa balaa irra buusu; dirqiisiisanii hidhamuu, walabummaa qaama haqaa irratti dhabuun rakkoolee ciccimoo jiraachuu; hidhamtoota siyaasaa ykn hidhamtoota biroo; biyyoota ollaa keessatti ukkaamsuun kanneen maqaa dhahaaman keessaati.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG