Xurree ittiin seenan

Breaking News

“Tookiyootti Medaaliyaa Warqii Moohufan Qophaahaa Jira,” Atileet Taamiruu

Atileet Taamiruu Kaffaaloo Damissee shakkallii irratti
Atileet Taamiruu Kaffaaloo Damissee shakkallii irratti

Atileet Taamiruu Kaffaaloo Damissee Paralymipikisii Tookiyoo, biyya Jaapanitti Hagayya 24 amma Fulbaana shanittti geggeeffamuf deemu irratti fiigicha meetirii 1500, atileetota qaroo dhabeeyyii fi baayyee arguu in dandeenyee hirmaachisuu irratti dorgomuuf qophiirraa jira. Tanaan dura, Atileet Taamiruun Paralymipikisii Riyoo, Braaziil bara 2016 irratti meedaaliyaa Meetii moohe.

Tamiru Kefeyalew Demisse,Paralymipikisii Riyoo bara 2016 geggeeffame irratti afiigichaa meetirii 1500 -T13 irratti medaaliyaa meetii moohe. Suuraan kun gaafa san yeroo inni mallattoo mormii Oromiyaa agarsiisu.

Yeroo san sadarka argatee malees waan ittiin beekkamtii guddaa argate moo, mallattoo mormii Oromiyaa - harka wal-jala dabarsanii ol kaasuu - waltajjii guddaa Paralymipikisii irrattii agarsiisuu isaatiin ture. San booda, sodaa nageenyaa irraa achuma Braazilitti hafee oggoota sadii booda biyyatti deebi’e.

Tamiru Kefeyalew Demisse fi atileet Magarsaa Baatii, Sadaasa 20, 2018, Sawo Pawulo, Braazil. Atileet Taamiruun, "yeroo dura Braazil ture qarqaarsii nuu godhamaa ture, Booda in irraaffatamne," jedha.
Tamiru Kefeyalew Demisse fi atileet Magarsaa Baatii, Sadaasa 20, 2018, Sawo Pawulo, Braazil. Atileet Taamiruun, "yeroo dura Braazil ture qarqaarsii nuu godhamaa ture, Booda in irraaffatamne," jedha.

Waan yeroos ture, akkatti biyyatti deebi’uu murteessee, fi qophii Paralymipikisii Tookiyoo itti jiruu irratti haasahuuf keessummaa Labataa godhannee, caqasaa.

“Tookiyootti Medaaliyaa Warqii Moohu Karoorfadheetan Qophaahaa Jira,” Atileet Taamiruu
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:10 0:00

XS
SM
MD
LG