Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ruwaandaan Kan Paarlaamaan Briteen Raggaasise Seera Godaantota Gara Isheetti Erguu Simatte


FAAYILII - Hoosteeli Ruwaandaa keessatti baqattoota Biriteen irraa deebi'an simachuuf qophaahaa jiru, Kigaalii, Ruwaandaa, Waxabajjii 25, 2022.
FAAYILII - Hoosteeli Ruwaandaa keessatti baqattoota Biriteen irraa deebi'an simachuuf qophaahaa jiru, Kigaalii, Ruwaandaa, Waxabajjii 25, 2022.

Godaantota biyya Inglizii irra dhufan biyyi isaanii simachuuf qophee ta’uu ishee fi murtii paarlaamaan Briteen raggaasise gammachuun simachuu dubbi himaan mootummaa Ruwaandaa Kibxata kaleessaa beeksisanii jiran. Itti aanaa dubbi himaan mootummaa Alaayin Mukraaliindaa Associated press-f akka himanitti, Briteen dhimma koolu galtootaaf furmaata kan ta’u michummaa gaarii kana hojii irra oolchuu ishee dhaga’un oduu gaarii dha jedhan.

Paarlaamaan Briteen karaa garba atlantik kan Briteen gama kibbaa fi Ferensaay gama kaabaa addaan kutu yabalaawwan xixqqoo dhaan koolu galtoota gara Ferensaayitti qaxxaamuran dhaabsisuuf kan baafate akka karoora falmisiisaa ta’etti, yeroo bonaa kana daandii xayyaarri irra balal’u qulqulleessuu dhaan koolu galtoota erguuf paarlaamaan Briteen seera baasee jira. Kibxata kaleessaa andaara galaana Ferensaay kaabaatti koolu galtoonni shan yaballi isaanii cirracha keessatti danqamuu dhaan lubbuun isaanii darbee jira. Alaayin haala kana tuquu dhaan akka jedhanitti, karoorri Ruwaandaa du’a koolu galtootaa kan akkasii dhaabsisuuf frumaata gaarii dha.

Godaantota sana simachuufis bajati qophaa’uu isaaf karooraan qabamuu isaa dubbataniiru. Xayyaarri isaan ittiin dhufan amma ykn guyyoota itti aanan yoo qubate illee simatamanii bakki jiraatan kennameefii yoo isaan barbaachise deggersi wal’aansa fayyaa akka argatan illee cimsanii dubbataniiru.

Qabsaa’onni mirga namaaf gareeleen koolu galtootaa imaammata sanaan ka sirnaa miti, farra namoomaa ti ittiin jedhan kana mormuu itti fufuuf dhaadataniiru.

Namoonni karaa galaanaa qaxxaamuranii UK seenan irra hedduun dahata siyaasaa gaafatanii hedduun illee eeyama argataniiru jedhan. Mootummoonni safuutti cichan goolu galtoonni kun biyyoota amnsiisaa kan akka Ferensaay kan duraan keessa qubatanitti dahata siyaasaa waan hin gaafatniniif baqattoota dhugumaa miti jedhu.

Namoonni imala balaa qabu kana akka hin geggeessine yaaluun, Briteen godaantota bidiruu dhaan UK dhufan gara biyya Baha Afrikaatti erguu dhaan achi taa’anii adeemsa dahata siyaasaa isaanii akka eeggatan Rwaandaa waliin walii galte. Gareeleen mirga namaa fi qeeqxonni garuu karoora kana ni morman. Hanga ammaatti namni gara Ruwaandaatti ergame hin jiru, garuu muummichi ministeeraa Biriteen Rishi Sunak balaliin jalqabaa ji'a Adoolessaa keessa akka jalqabu dubbataniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG