Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ruwaandaan Waggaa Soddomaffaa Fixinsa Duguuginsa Sanyii Biyyattii Keessatti Geggeessamee Kaleessa Yaadattee Oolte


Pireezidaantiin Ruwaandaa Pool Kaagamee yaadannoo geggeeffame irratti, Kigaalii, Ruwaandaa, Ebla l 8, 2024.
Pireezidaantiin Ruwaandaa Pool Kaagamee yaadannoo geggeeffame irratti, Kigaalii, Ruwaandaa, Ebla l 8, 2024.

Pireezidaantiin Ruwaandaa Pool Kaagamee biyya isaanii keessatti gochi duguggaa sanyii bara 1994 tti raawwate lammaffaa deebi’ee hin uumamu jedhan.

Sirna kabaja guyyaa yaadannoo waggaa 30ffaa duguuggaa sanyii Ruwaandaatti saba Tuutsii irraatti raawwate irratti Dilbata kaleessaa haasaa kan dhageessisan Pireezidaantiin biyyattii Kaagameen Uummanni keenya kana booda du’aaf hin kennamu jechuun cimsanii dhaadatan.

Biyyoonni warra lixaa duguuggaa sanyii kana dhaabsiisuu dadhabuu isaaniitti quba kan qaban Kaagameen biyyoota Afiriikaa yeroo sana Ruwaandaa deeggaruuf dhufan galateeffateeffatanii, Loltoonni sun Ruwaandaa hin kuffisnee, kan nun nu kuffise tuffii irraa ykn Abshaalummaaf kan nu kuffise haawaasa Idil Addunyaati jedhan.

Sirna kabaja guyyaa yaddaannoo kanarratti hooggantoonni biyyoota Afiriikaa Kibbaa, Koongoo, Itiyoophiyaa , Waalta Rippaabulika Afiriikaa fi Taanzaaniyaa akkasumas Pireezidaantiin Israa’eel Isaaq Heerzoog kan irratti argaman yommuu ta’u Pireezidaantonni duraanii kan Yuunaayitid Isteetsi Biil Kiliintanii fi kan Faraansaay Nikoolaas Saarkooziis irratti argamaniiru.

Mootummaan Ruwaandaa yeroo dheeraaf Faransaay duguuggaa sanyii kun akka raawwatu taasifteetti jechuun himachaa kan ture yommuu ta’u, Bara 2021tti biyya gidduu galeessa Afiriikaa kan daawwatan Pireezidaantiin Faraansaay amma aangoorra jiran Imaanu’eel Makiroon duguuggaa sanyii saba Tuutsii iratti raawwateef Faraansaay ittigaafatamumma akka qabdu beeksiisanii ture.

Bara 1994 duguuggaa sanyii saba Tuutsii irratti raawwatameef sababa kan ta’e Pireezidaantiin biyyattii yeroo Sanaa Juveenaal Habiyrimanaa kan saba Hutuu irraa ta’e xiyyaaraan osoo imalaa jiruu Kiigaalii keessatti xiyyaarichi halleellaa irratti raawwatameen Kufuutiin du’uu hordofee gareen Finxaaleeyyuu Hutuu gochaa

kana warra Tuutsiitu raawwate jechuun jeequmsa guyyoota 100 f ture keessatti gosoota Tuutsii irratti duguuggaa sanyii kan raawwatan. Taatee kanaanis namoonni 800,000 ajjeefamaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG