Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Chaayinaa Shii Jiinpiing Faransaayitti  Prezidaantii Biyyattii Waliin Mari’atan


Pirezidaantiin Faransaay Imaanu’eel Maakroon Pirezidaantii Chaayinaa Shi Jinping wajjin, Caamsaa 6, 2024.
Pirezidaantiin Faransaay Imaanu’eel Maakroon Pirezidaantii Chaayinaa Shi Jinping wajjin, Caamsaa 6, 2024.

Shii Jiippiing Paarisitti jalqaba Pireezidaantii Faraansaay Imaanu’eel Maakiroonii fi pireezidaantii Komishiinii Awurooppaa Ursulaa Von der Liyeen waliin dhimmoota yaaddoo daangaa Gamtaa Awurooppaa waliin wal qabatanirratti marii taasisaniiru.

Shii Jiippiing Barruu Le Figaro Deeyilii jedhamu waliin gaaffii deebii taasisaniin Hawwaasa Addunyaa waliin ta’uun waraana weera Raashiyaan Yuukireen irratti raawwattee hordofee dhufe karaa itti furamu akka barbaadamu ibsuun ,Chaayinaan qaama waraanichaas ta’e hirmaattuus akka hin taane cimsanii dubbattaniiru. Pireezidaantiin Komishinii Awurooppaa Von Der Leyen gama isheen Addunyaarratti dorgommii daldalaa haqa qabeessa Chaayinaa waliinis jettee, waliin dubbii Zhii Jippiing waliin taasisaanirratti madaallii dhabuun amma jiru qaqqabummaa gabaa itti fufinsa kan hin qabnee fi furmaata argachuu akka qabus ifa godhee waliin dubbadheera jetteetti.

Waashingitan daawwaannaa Pirezidaantii Chaayinaa kana itti dhiyyeenyaan kan ilaa jirtu yoo ta’u, daawwannichi kan taasifame Pirezidaant Joo Baayiden, Faraansaayitti daawannaa mootummaa ji’a tokkoon booda ni taasisuu jedhamee yeroo eegamuttidha.

Pirezidaantiin Faraansaay Imaanu’eel Maakroon Eebila bara 2023 Chaayinaa kan daawwataniiran yommuu ta’u , daawwannaan pireziidaantii Chaayinaa inni alanaas hariiroo dippiloomaasii biyyoonni lamaan waliin qaban waggaa 60ffaa kabajuudhas jedhameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG