Xurree ittiin seenan

Breaking News

Pireezidaantiin Yuunaayitid Isteetsi Duraanii Doonaald Tiraamp Pireezidaantii Biyya Poolaand Niwuuyoorkitti Affeerraa Irbaataa Taasisaniif


Pireezidaantiin Yuunaayitid Isteetsi Duraanii Doonaald Tiraamp Pireezidaantii Biyya Poolaand Niwuuyoorkitti Affeerraa Irbaataa Taasisaniif
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:09 0:00

Paartii warra Rippaablikaanii bakka bu’uun filannoo pireziidantummaaf kan dorgomuuf jiran Pireezidaantiin Yuunaayitid Istetsi duraanii Doonaald Tiraamp Roobii kaleessaa galgala magaalaa Niwuuyorki gamoo Tiraamp keessatti Pireezidaantii Biyya Poolaand Ardirizh Duda waliin sagantaa affeerraa Irbaataa taasisaniiru.

Pireezidaantiin Pooland Duda’n deeggaraa Yuukireen yommuu ta’an Waashingitan gargaarsa dabalataa Keeyiviif akka taasiftu warra gaafatan keessattis. Doonaald Tiraamp yommuu pireziidaantii Pooland araganitti nama hojii ajaa’ibaa hojjetu hiriyyaa kooti jedhanii waggoota gurguddoo Afur waliin dabrsineerras kan Doonaald Tiraamp gama hundaanuu Poolandiin cinaa jirras jedhan.

Doonaald Tiraamp caraa irra deebi’anii gara Aangootti dhufuu danda’uun hoggantoota biyya alaa dhiyeenya Tiraamp waliin wal argan keessaa Pireezidaantiin Poolaand kun kan jalqabaa yommuu ta’an Magaaloonni biyyoota Awuurooppaa Doonaald Tiraamp gara aangootti akka deebi’aniif qophaa’aa akka jiraniittis fudhatemeera. Namoonni poolaand keessaa tokko tokkommoo dawwannaan akkanaa kun kan baratame miti jedhanii hariiroo Poolaand bulchiinsa Joo Baayideen waliin qabdus miidhuu danda’a jechuun sodaa qaban dubbataniiru.

Forum

XS
SM
MD
LG