Xurree ittiin seenan

Breaking News

UNHCR Kanneen Kaaba Itiyoophiyaa Irraa Buqqa’an Deggeruuf Gargaarsa Doolaara Miliyoona $205 Gaafate


UNHCR Kanneen Kaaba Itiyoophiyaa Irraa Buqqa’an Deggeruuf Gargaarsa Gaafate
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:59 0:00

UNHCR Kanneen Kaaba Itiyoophiyaa Irraa Buqqa’an Deggeruuf Gargaarsa Gaafate

Jarmayaan baqattootaa kan tokkummaa mootummotaa UNHCR, walitti bu’iinsa kaaba Itiyoopiyaa keessatti uumameen kannee qe’ee ofii irraa buqqa’an lammiiwwan miliyoona 1.6 ol kaneen ta’an deggeruuf gargaarsa doolaara miliyoona $205 gaafatee jira, jedha gabaasni Lisa Schlein Geneva irraa ergite.

Text: Baatilee 16 dura walitti bu’iinsi naannoo Tigraay keessatti jalqabame gara naannolee hollaa Amaaraa fi Affaaritti illee babal’atee jira. Jarmayaan baqattootaa kan tokkummaa mootummootaa akka jedhetti kanneen miidhaan irra ga’e irra hedduun Itiyoopiyaa dhuma keessatti qe’ee ofii irraa buqqa’aniiru.

Kanneen 60,000 ta’an immoo gara biyya hollaa Sudaanitti baqataniiru. Dubbi himtuun UNHCR Shabiyaa Maantoo akka jedhanitti martinuu deggersatu isaan barbaachisa.

Siiviloonni, baqattoota dabalatee kanneen biyya ofii kessatti qe’ee irraa buqq’an ennaa hookkarri saala irratti hundaa’ee, dhiittaan mirga namaa fi qubsuma dhabuu akkasumas tajaajila bu’uuraa argachuu dhabuu fi wabiin nyaataa dhabamuun ennaa bal’inaan qabaasametti qe’ee isaanii irraa buqa’an. Itti dabaluu dhaan, mooraalee hedduun qubsumni baqattoota Eertraa keessa jiraatan haleelamuu ykn manca’uu isaatiin kanneen kurna kumaan laka’aman Itiyoophiyaa keessatti qe’ee ofii irraa buqa’aniirun jedhan Mantoon.

XS
SM
MD
LG