Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gargaarsi Yunaayitid Isteetis Humna Waraanaa Somaliyaatiif Kennitu  Kaayyoosaa Irraa Dabsamuu Akka Hubate Mootummaan Somaaliyaa Ibse


FAAYILII- Waraana Biyyaalessaa Somaalee Birgeedii Miilaa Ol’aanaa Danab keessatti bobbaafaman sagantaa leenjii bu’uuraa yeroo xumuran, buufata xiyyaaraa waraanaa Baledogle, Somalia, Ebla 9, 2023
FAAYILII- Waraana Biyyaalessaa Somaalee Birgeedii Miilaa Ol’aanaa Danab keessatti bobbaafaman sagantaa leenjii bu’uuraa yeroo xumuran, buufata xiyyaaraa waraanaa Baledogle, Somalia, Ebla 9, 2023

Gargaarsii waraana somaaliyaa warren Yunaayitid Isteentsn Leenjisamanuuf ergame gara waraana Idilee biyyaattitti dabarfamuu isaa mootummaan Somaliyaa ibsa kenneen mirkaneessee jira. Yunaayitid Isteest lola garee Alshabab irratti taasifamuu irratti kan hirmaatuu umnaa addaa leejinsaa fi hidhachiisaa akka turete kan beekamu yemuu ta’u, gargaarsi umna waraanaa addaa kanaaf taasifamuu umna waraanaa Idilee mootummaa Somaaliyaatiif kan oluu hin ture.

Haa ta’uu malee hanga’onni waraana Somaaliyaa gargaarsaa Yunaayitid Isteets waraana addaa kanaaf ergitu, gara waraanaa Idileetti jijiruun isaanii irra gahamee jira. Gargaarsii “ Danab Raashiin” jedhamee beekamu kun kaayyoo isaatii alatti fayyadamaaf oluu isaa kan mirkaneessee mootummaan Somaliyaa dhimma kana irratti qorannoo taasisuu isaafi miseensota waraanaa dhimichaa keesaa harka qaban irratti tarkaanfii hidhaatfi hojii irraa hari’uu akka fudhatee beeksisee jira. Dhimmaa kanaan walqabatee qondaaltonni waraanaa meeqaa akka hidhamanii fi hojii irraa haryataman ibsii mootummaa Somaaliyaa waan jedhe hin qabu.

Gargaarsi mootummaa Yunaayitid Isteets kaayyoo irraa maqisamuu isaa kan beeksisee mootummaan Somaliyaa dhimichii kan raawwatee yoomii jalqabee akka ta’eefi gargaarsa akkamii irratti akka raawwatee addaan baasee hin beeksifne. Dhimma kana ilaalchisee Sagaleen Amerikaa ministira ittisaa mootummaa Somaaliyaa Abdulqaadir Mohaamad Nuur fi Embaasii Yunaayitid Isteets Moqaadishootti argamu irraa deebii argachuudhaaf yaaliin taasisee akka hin milkoofne beekameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:57 0:00
More
XS
SM
MD
LG