Xurree ittiin seenan

Breaking News

Warra Shanee – Maatii Daa'imman Shan hoo Tokkoon Argate 


Warra Shanee – Siifaan Nurediin (Hanaan) fi Amaan Huseen ijoollee isaanii afran wajjin. Suuraa Amaan Huseen irraa VOA-f ergame.
Warra Shanee – Siifaan Nurediin (Hanaan) fi Amaan Huseen ijoollee isaanii afran wajjin. Suuraa Amaan Huseen irraa VOA-f ergame.

Siifaan Nurediin (Hanaan) fi Amaan Huseen jiru baqatummaa keessa, biyya Masriitti wal baran. Magaala Kaayiroo an jiraataan maatiin kun bara darbe yeroo tokkotti daa’imman shan argatan. Isaan keessaa afuritu guddateef. Jireenya baqattumaa keessatti ijoollee afur umuriin wal-qixxee guddisuun salphaa akka hin taanee ibsu.

Warra Shanee – Maatii Daa'imman Shan hoo Tokkoon Argate 
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:42 0:00

San malees, Siifaan yeroo ulfaa ijoolleen garaa keessatti bayyachuurraa rakkoo adda addaaf saaxilamuu ibsiti. Ofii dhukkubsachaa, akka hadhatti immoo dirqama irraa eeggamu ijoollee afur -umuriin isaanii reefu oggaa lamaawuu in guunne - guyyaa guutuu kunuunsuun kessumattu yeroo abban warra ishii hojjaa deemee itti ulfaachaa dhufuu fi qarqaarsa akka hawwitu dubbatti. Abbaan Shanee, Amaan, hawwin isaa ijoollen isaa guddatee hookan dooktora, hookan immoo garee kubbaa miilaa beekkamaa ta’ef yeroo tabatan arguudha.

Tuutni daa’imman shan hoo tokko dhalatan afaan ingiliziitiin ‘Quintuuplets’ jedhaman. Odeeffannoon gama kanaan jiru akka agarsiisuttii ulfa miliyoona 60 keessaa tokkotu carraa kana ta’uu argata .

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG