Xurree ittiin seenan

Breaking News

Warrii Malkaa-Gubaa,Jireenna Dansaa Bonaa-Gannallee Qotatee Facaafatu Keesa Jira Jedhan


Malkaan-Gubaa,ganda godina Gujii aanaa Liiban keessa jirtu.Nageellee Booranaa irraa km 115 fagaatti.Laftii tun lafa dheebichaa ka yoo hedduu bonii itti hammaatu.

Warrii lafa tanaa afaan galaan Daawwaatti dhiyaata.Yoo hedduu adoo galaanii bira yaahuu jallisii midhaanitti gorfatee facaafachuu dadhabee rakkata.

Liban Pastoralist Developemnt Association,Waldaa Misooma Horsiisee Bulaa Liiban,dhaaba mootummaa hin tahin ka jireenna horsiisee bulaa Godina Gujiitii fi Godina Booranaa wayyeessuuf hojjatu. Bara 2006 asitti manneen barnootaa,ka akimii namaa fi horiitii fi hedduu jaaree wa hojjatu.

Jallisiin Malkaa-Gubaa dhaabi kun jaare abbaa warraa 2001 faaydaa irraa argachuutti jira.Aabba Kootee Ibraahim,itti gaafatamaa dhaaba kanaati.

“Malkaan-Gubaa lafa misoomaa ta gootii misoomaa keessaa badhaafamu..namii misoomaa dhaqee laalu, ka namii sanyii dhabe dhaqee irraa fudhatu …lafa daawwatanii keessaa galuu hin feene.”

Hujii tanaan akka aabba Kooteetti warrii lafa tanaa gaafa Afrikaan gamii Gaafaa oolaa fi bona tahellee qotatee facaafachaa,haamachaa ammallee asheeta nyaachuutti jiru jedha.

Tana malee namii midhaan akka baaddallaa dabalee waan akka akkaa facaafachuutti jiraa.

Mee MP3 tana irraa waan hujii jallisii Malkaa-Gubaa caqasaa.

XS
SM
MD
LG