Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ayyana Dhalata VOA


Raadiyoon Sagalee Ameerikaa kan itti hundeeffame waggaan toorbaatamaffaan as Galma Waajira Raadiyichaatti ayyaaneffamee jira.

Yeroo Waraansa Addunyaa lammaffaa naannoolee Naazii Jarmaniin qabatamanitti oduu tamsaasuuf jecha Mootummaa Yunaayitid Isteetsiin kan hundeessame Raadiyoon Sagalee Ameerikaa, “Here Speaks the Voice of America” yokaan “Kunoo Sagalee Ameerikaa tu isinitti dubbata” jechuun jalqababe - Afaan Jarmaniitiin.

Yeroo mara sa’aa kanatti oduu waa’ee waraanaa isiniif fidna. Oduun dhufu gaariis tahuu mala. Oduun dhufu hamaas tahuu mala. Garuu, oduu dhugaa isinitti himna, jedha taamsaani Raadiyoo Sagalee Ameerikaa ka jalqabaa. Raadiyooo danbalii gabaabaatiin Guraandhala tokko, bara 1942 tamsaasame. Gaazzexeessaan kana dubbate Wiliyaam Harlaan Haal jedhama.

Kan yeroo sana hala sanaan jalqabe Raadiyoon Sagalee Ameerikaa Har’a dhaabbata “Multimedia” yokaan Sabaa-Himaa Akaakuu-hedduu, ka sadarkaa Addunyaa --- kan afaanneen adda addaa afurtamaa oliin tamsaasamuu fi torban tokkotti uummata gara miliyoona dhibba tokkoo fi afurtamaan dhaggeeffatamu ta’ee jira.

Waggaa toorbaatamaffaa hundeeffamuu Raadiyoo Sagalee Ameerikaa ilaalchisuun, sirna ayyaaneffannaa kaleessa asitti geggeessame irratti ka dhaamsa isaanii Viidiyoodhaan ergan, Prezidaantiin Yunaayited Isteets – Baaraak Obaamaa “Yunaayitid Isteets daran cimtuu tahuu ishee fi Addunyaa irra daran haqi jiraachuu isaaf kan gumaache carraaqqii Raadiyoo Sagalee Ameerikaa ti” jedhan.

Ministarittiin Dhimma-alaa kan Yunaayitid Isteetsis, Hilarii Kilintenis, akkana jechuun ayyaana waggaa toorbaatamaffaa VOA Kaleessa kabajame kana irratti dhaamsa “baga gammaddanii”dabarsanii jiran.

Guutummaa qophii kanaa MP3 tuquun dhaggeeffadhaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG