Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waa’een Dooktoroota Afur Hospitaal Naqamtee Keessaa Hariyatamanii fi Hidhamanii, Shira Moo Haqa?


Akka maatiileen isaanii jedhanitti, afuran keessaa garii, waggoota 15 caalaa Hospitaala Naqamtee keessaa tajaajilan. Dr. Addaam Lammaa, oguma addaa baqaqsanii hodhuu yokaan Serjeriin n ka tajaajilanii fi Kilinika, “Kilinika Maayoo Ol’aanaa” jedhamu ka dhuunfaatti qaban. Dr. Isaayyaas Birhaanuu oguma addaa fayyaa gadameessaan kan Hospitaalicha keessaa tajaajilanii fi Kilinika “Yuuniversaal Kilinik” - jedhamu dhuunfaatti qaban, Dr. Belaay Beete-Maariyaam, oguma addaa fayyaa gadameessaan kan Hospitaala Naqamtee keessaa hojjetanii fi Kilinika dhuunfaa “ABDII CLINIC” - jedhamu keessaa kan hojjetan, Dr. Taammenee Abarraa, ka baatii ja’a dura Daarektara Medikaalaa Hospitaala Naqamtee turanii fi amma Yunivarsitii Finfinnee, Damee Xiqur Anbassaa keessaa Ispeeshaalistummaa yokaan oguma addaa barataa jiran ta’uu dubbatu, firoonni isaanii kun.

Akka maatiileen jedhanitti -- Dooktoroonni kun qabamanii hin hidhamuu isaanii dura -- xalayaa tu, Biiroo Fayyaa irraa mata mataatti isaan dhaqqabe.
Qabiyyeen xalayaa sanaas -- “Badii kana dura Hospitaala Naqamtee keessatti dalagafmaa ture keessatti ga’ee ol’aanaa waan qabaattee argamteef, baatiilee lamaaf mindaan kee rarraasamee, baatiilee lamaaf hojii irraas dhaabamtee jirta” - ka jedhu akka ta’e nuuf ibsan. Itti-fufees, Kilinika Kam iyyuu keessaa akka hin hojjenne kan ittisu, xalayaan ka biraan Giddu-gala Fayyaa Naqamtee irraa isaan dhaqqabuu dubbatu.

Dooktoroota afuranii ala dooktorri dhalata Kooriyaa, kan oguma addaan fayyummaa lafee tajaajilan, Dr. Ho Rim Jong, hojii irraa hariyatamuu illee nuuf ibsan.

Hidhamuun dooktoroota kanaa ilaalcha polotikaa waliin hidhata qaba, jedhu.

Koomishina Poolisii Oromiyaa irraa kan ibsa nuuf kennan Komaander Abbebee Leggesee, dooktoroonni afuranuu yakka oguma isaanii wajjiin wal-qabateen shakkamanii kan harka poolisii jiran ta’uu dubbatan. Qorannaa dooktoroota sana irratti geggeessamaa jiruuf kan sababaa duraa ta’e, maatii namoota sadii irraa himannaa dhihaate, jedhu. “Dubartoonni da’umsaaf yeroo adda addaatti gara isaanii deeman, tajaajila isaaniif malu argachuu dhabuu irraa du’an,” jedhan – Komaander Abbebeen.

Daarektarri Medikaalaa Hospitaala Naqamtee, Dooktor Caalaa Olaanis, kanuma mirkaneessan. “Yeroo gabaabaa keessatti, haadhotiin da’umsaaf gara hospitaalichaa dhufanii wal’aansa irratti du’an kudha-lama,” ka jedhan, Dr. Caalaan, dhimmi isaa waan seeraan qabamee jiruuf, himannaa tokko tokkoo dooktoroota sanaa irratti dhihaate ilaalchisee ibsa bal’aa kennuu akka hin dandeenye dubbatan.

Dhimma Hospitaala Naqamtee gaaffii fi deebii kutaa 1ffaa caqasaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:50 0:00
Xurree marsariitii


Kutaa 2ffaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:13:10 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG