Jimaata, Guraandhalaa 12, 2016 Local time: 19:07

    Oduu

    Nama Hedduutti Sagantaa Dargaggootii Oromoo Ganna 50essoo Alii Birraa Sirba Itti Jalqabe Ulfeessuuf Qopheessaniif MN Yaahuutti Jira

    Ganna 50essoo Ulfinna Sirba Alii Birraa
    Ganna 50essoo Ulfinna Sirba Alii Birraa
    Soraa Halakee
    Eeegee maqaa sirbaa itti baasan malee silaa maqaan warri baaseef,Alii  Mohaammad Muusaa,sun qofan hin hamnee eegee hujiin ulfeessanii Dr.Ali Birraa ta'e. Alii Birraa gara ganna 14-15 keessa sirba jalqabe.

    Namuu afaanuma ufiitiin sirbaa maanif anilleen kiyyana hin sirbine jedhee itti seene jedhe.Adoo akkanuma, afaan, aadaa, ummata,seenaa,siyaasaa fi waan hedduu faarsuu deemuma deemee ganna 50 gahe.

    Dargaggoon Oromoo, MN,Amerikaa jiranilleen “jabaa keenna ka jiruu ulfeeffannee,ka du’ee hujii isaatiin qaabannee galata galchinaaf,” jedhanii jabaa ulfeessuutti jiran.
    Warra hujii tanaa keessa jiru keessaa tokkoo Dr. Sintaayyoo Badhaaneeti,Atlaantaa,Amerikaa jira.

    “Ali Birraa barsiisaa,qabsaawaa,Oromoo jedhee yaamaa…gaafa afaan Oromoo tuffatamee gadi qabamee …akka mataa ufiitti tahee warra Afran –Qallo waliin dabalamee…umrii isaa guutu tattafate.”

    Akka Dr.Sintaayyootti, “jabaa keenna yo inni lubbuu dhabe qofa faarsuu qofaa mitii adoo innii lubbuun jiruullee faarsuu wayya.”

    Qophiin tun waan Alii haga ammaa ummataa hojjate,jabeenna isaa faarsaniif.Seenaa isaa dubbachaa,kitaabatti barreessanii,vidiyoon qopheessanii lafa kaahuu.
    Hujii tana akka Dr.Sintaayyootti ijoollee gannii 20 keessa jirutti qopheessuutti jiraa…“namii ummataa ufiitif jedhee dabre kabaja argachuu qabaa addunyaalleen beekuuf dandeetti.”

    Qophii dargaggoon MN qopheessite tana sirbitoota Oromoo 17 caalanitti itti dhufee ummata gamamchiisa.Warrii seenaa Alii Birraa barreesse,qorate hedduulleen akkanuma dhufa.

    Maqaa aritistoota Oromoo ka jiranii fi du’anillee walti qabanii kaan galateeffachaa, kaan maqaa isaanii yaamanii hujii isaatiin ulfeessuuf qophiitti jiran.Guyyaan Alii Birraatii qopheessan kun Adoolessa 4,2013 irra oola,akka Dr.Sintaayyootti MN nama hedduutti kaan ispoortii,kaan marii fi bashannana gara garaatii walti dhufa.

    Mee tana ammoo caqasaa
    Mee tana ammoo caqasaai
    || 0:00:00
    ...    
     
    X
    This forum has been closed.
    Comments
         
    Kana keessatti yaadi kenname hin jiru. Yaada kennuun ka duraa ta’i.