Xurree ittiin seenan

Breaking News

Darbaa Dabarsa Gurguramnee Dhumni Keenya Kana Ta’e


Godaantota Itiyoopiyaa
Godaantota Itiyoopiyaa
Daangaa yaman fi saa’udii irratti Dallaan fageenya kiloo meetra 75 kan ijaaramee yoo ta’u yeroo hojiin ijaarsaa kun xumuramu fageenya kiloo meeetra kuma tokkoo fi dhibba saddeetti daangaa biyyoota lamaan giddu kan qabaatu ta’uun ibsamee jira.

Dallaan shiboo irraa hojjatame kun lafa irraa hojjaan isaa meetra 3 ol kan dheeratu
ta’uunn beekamee jira.

Dallaan kun namoota seeraan ala biyyoota gaanfa Afrikaa irraa gama yamaniin saa’uudii seenuuf yaalan ittisuuf akkasumas meeshaa waraanaa akkasumas jimaa seeraan ala deddebisuun akka dhaabatu gochuuf yaadameeetu.

Baqatoonni akka jedhanti namoota seeraan ala nama deddebisaniif maallaqa guddaa baasan iyyu dararaa reebichaa ibiddaan gubamuu akkasumas qaamaa hir’achuu adda addaa jarreenuma kanaan kan irratti rawwatamu ta’u dubbatu.

Maallaqa qabatanii jiran hundumaa saamamuu bira darbee firri iddoo fagoodhaa baqatonni qaban maallaqa guddaa akka erganiif bilbilaan dorsisuun akka jiru kun mikaa’uu baannaan carraan isaa eeggatu ajjefamuu ykn galaanati darbamu ta’u ibsan.

please wait

No media source currently available

0:00 0:08:18 0:00
Xurree marsariitii
XS
SM
MD
LG