Xurree ittiin seenan

Breaking News

Siidaan Harmaa-Harka Muraa Aanolee Dhiyoottuu Eebbifama


Aanolee godina Arsii naannoon Ixxoosaa lafa jabana minilikitti Oromoo fi nama hedduu naannoo sun qubata wal-gahiif yaamanii harmaa-harka irraa itti jiran.

Mootummaan naannoo Oromoo, akka Itti Gaafatamaan Biiroo Aaadaafi Tuurizimii Oromiyaa,Mohaammad Jiloo jedhutti ummata jabana hamaa sun keessa haala hamaan suniin fixan qaabachuuf siidaan dhaabuufiitti jira.

“Laftii tun ta mootummaan minilik ka ummata Oromooti fi ummata Itoophiyaa dhibiillee humnaan bulchee aadaa fi afaan isaa humna qawweetiin irraa balleessuuf irratti duule. Haawwan harma irra ciranii,dhiiraa kolaasanii harka irraa ciran.Tun hujii Nafxanyaati.Ummata Gadaan buluu dhowwee qawween bulchuuf itti dhufe.Aanoleetti walgahii yaamee sanyii isaanii balleesse.”

Barii sun akka obbo Mohaammaditti, 1,900 keessaa minilik lafa ballifachuuf gochaa akkasii ummata irratti hojjate.

Paartiin mormituu siyaasaa Itoophiyaa ta akka MEHAD fi EDEPA faan hujiin akkanaa tun,siidaa dhaabuu tun dhaloota dhufullee haaloo fuusfitii ummati Oromo ammoo akka siidaan akkanaa ijaaramullee hin fedhu jedhan.

Obbo Mohaammad ammoo warra fedhii ummataa hin beennetti tun fedhii ummataatii miti jedhaa. jedha.

“Warraa fi paartii fedhiin ummataa maan akka taate hin beennetti tun fedhi ummataatii miti jedha.Fedhii isaa irraa kaanee hojjanneef egerilleen akkasuma.Biyya jiguu geette walti qabuutti jirra.Mootummaan durii mootummaa aadaa tokko,afaan tokko, seenaa tokko jedhee walti qabee caccarassee nama bulchuu fedhu.Warra mootummaa akkasii kuffisuuf kufee siidaa dhaabana.”

Mootummaan naannoo Oromiyaa Aanolee, Finfinnee,Adaamaa fi Calanqoolletti siidaa gootota jaaruutti jiraa,ka aanolee kana muuziyeemiillee itti dabalee qarshii miliyoona 20 itti baasee jedha gabaasii mootummaa naannoo Oromiyaa.Maqalee,BaahirDaarii faalleen siidaan akkanaa jaarumatti jrian.

Siidaa Aanoleetti dhaabuutti jiran kun Botootessa kana keessa eebbifama.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG