Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tokkummaan mootummootaa gareelee Sudan kibbaa irra uggura kaa’uuf dhaadate


Mootummaa Sudan kibbaa fi ripxe loltoota gidduutti baatile hedduuf falmiin geggeessamaa erga turee booda golli naga eegumsaa kan tokummaa mootummootaa kaleessa gareeleen lamaan hanga bitootessa shanitti aangoo qooddannaa ilaalchisee walii galtee irra hin ga’an taanaan uggura kan irra kaa’u ta’uu beeksise

Wixineen tokkummaa mootummootaa kun kan dhaga’ame presidentiin Sudan kibbaa Salva Kiir fi hoogganaan ripxe loltootaa Riaak machaar Finfinnee keessatti cufataatti wal ga’ii geggeessaa ennaan jiranitti. Miseensi jiloota garee mormituu kan Sudaan kibbaa Foi Joouyul akka jedhanitti tokkummaan mootummootaa jarjaree tarkaanfii fudhate.

Uggurri sun hojii irra oollaan qabeenyaa kanneen adeemsa nageenyaa sana danqqanii dhiittaa mirga namaa raawwatan akka hin sochoone gochuu dhaan uggurri imalaas irrakaa’ama. Gareen lamaan walii galtee nageenyaa sana hin kabajan taanaan uggurri meeshaa waraanaas iti aansee kan kaa’amu ta’uun beekamee jra.

Walitti bu’iinsi baatilee kudha shaniif adda addummaa siyaasaa Mr. Kiir fi itti aanaa isaanii duraanii Machaar giddutti geggeessame yoo xiqqaate baduu lubbuu uummata kuma 10 oliif sababaa ta’ee kanneen miliyoona tokkoo fi walakkaa ta’an qe’ee irraa godaansise.

Waggaa tokko oliif utuu hin milkaa’in kan hafe mariin araaraa walii galteen nageenyaa akka irra hin ga’amne gochuu dhaan lola dhaabinsi tolfames battala caba. Marii marsaa miilanaa ilaalchisee mallattoon fooyya’iinsaa argamu hin jiru. Kiir fi Machar kaleessa sa’aatilee shan ta’uuf kan mari’ataa kan turan si’a ta’u har’a ganamas itti fufaniiru.Jooyul akka jedhanitti paartileen lamaan amma iyyuu dhimmootii nageenyaa ilaalchisee walii galtee irra ga’uu irraa fagoo jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG