Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummichi ministeeraa Itiyoopiyaa hojii tokkummaa mootummootaa faarsan


Muummicha ministeera Itiyoopiyaa
Muummicha ministeera Itiyoopiyaa

Hoogganoonni addunyaa gumii tokkummaan mootummootaa waame irratti hirmaachuuf jecha New York keessatti wal ga'anii jiru. Muummichi ministeeraa Itiyoopiyaa obbo Haaylamaariyaam Dassaalen gumii sana irratti haasaa dhageesisaniin barri kun bara danda jedhanii tokkummaan mootummootaa erga hundeeffamee waggoota 70 lakkoofsisuu qofa utuu hin taane hojii gurguddaa hojjeteera jedhan.

Muummichi ministeera Itiyoopiyaa kun nagaa eegsisuun qooda biyyi isaanii fudhatte gama ilaaleen ennaa ibsan duraan waldaa mootummootaa miseensa itti taatee turte irraa deggersa kan dhorkamte walta'iinsa gareelee hedduun amantii kan hin dhabne Itiyoopyaan bu'uursitoota tokkummaa mootummootaa keessaa tokko ta'uu isheen kabajaatu nutti dhaga'ama jedhan.

Chaartara jaarmiyichaa keessa akka kaa'amee jirutti nagaa walii wajjin eeguun bu'aa akka qabu itti amanna jedhan. Qoodi Itiyoopiyaan gama nagaa eegsisuun qabdus obbo haayle Maariyaam ennaa ibnsan biyyi isaanii imala nagaa eegsisuu kan tokkummaa mootummootaa keessatti sochii gootuun loltoota ishee heddumminaan bobbaasuun sadarkaa lammaffaa irra jiraachuun ishee garaa nu ciibsa jedhan.

Haasaa muummichi ministeeraa Itiyoopiyaa kora Tokkummaa mootummootaa irratti dhiyeessan
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:03 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG