Xurree ittiin seenan

Breaking News

Irreecha Naannawa Waashingten DCtti


Irecha
Irecha

Irreechi Ayyaana Galfannaa Oromoo waggaa waggaatti, xumura gannaa fi itti gala Birraatti ayyaaneffafu. Ayyaanni kun, yeroo ammaa, Oromoo biyyoota alaa jiraatan dabalatee Uummata Oromoo keessatti bakka adda addaatti kan ayyaaneffamu yoo tahu ayyaaneffannaan inni guddaan Dilbata dhufu kana, magaalaa Bishooftuu ka jiru Hara Arsadii irratti ayyaaneffamu. Biyyoota alaa tii garuu, torban dabre kana jalqabe. Dilbata dabre, gaafa Fuulbaana 27 Oromoonni Waashington DC fi naannawa ishee jiraatan kan handaara Waashington, kutaa Maryland keessa jiru Hara Artimesia jedhamutti ayyaaneffatan.

Irreechaa, Hara Artemesia irratti ayyaaneffame irratti, ijoollee xixiqqoo dhaa jalqabee haga maanguddootaatti Oromoota hedduu tu argame. Marti isaanii jechuun ni danda’ama, uffataa fi faayaa aadaa Oromootiin of kuulanii, abaaboo fakkaatanii turan. Yeroo gara malkaatti yaa’an, wallee ani dura isin dhageessise sana faa wallisaa turan. Eega malkaa irra ga’anii booda, maanguddoonni akka aadaatti “as keessaa namni walitti gadde yokaan mufate yoo jiraate, otuu hin irreeffatiin dura waliif dhiisaa” jedhanii gaafatan. Achii booda, dhiiraa fi dubartiin wal-harkaa fuudhaan, galataa fi kadhannaan, abaaboo bishaanitti cuubanii irreefftaa turan.

Guutummaa isaa dhaggeeffadhaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:08 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG