WASHINGTON DC — Waashington DC fi kutaalee naannawa ishee jiran keessa kanneen jiraatan – lammiwwan Oromoo Har’a Ministirii Dhimma-alaa Yunaayitid Isteets fuul-duratti hiriira geggeessanii jiran.
Oromoonni dhibbaan lakkaawawan qilleensa baay’ee qorraa keessa dhaadannolee “dhiittaa mirga dhala-namaa Mootummaan Itiyoophiyaa geggeessaa jira” jedhan balaaleffatanii fi kan Obbo Beqqelee Garbaa fi Olbaanaa Leellisaa dabalee – suuraalee hoogganoota mormitootaa fi barattoota mana-hidhaa jiran – jedhan ol qabanii mirmirsaa dhaadannoolee dhageessisaa turan.
KIanneen hiriira kana gamtaadhaan waamanii fi qindeessan – Waldaa Qorannoo Oromoo, Jaarmayaa Hawaasa Oromoo Waashington DC fi Walgaa Wal-gargaarsa Dargaggoota Oromoo ti.
“Hidhaa, ajjeechaa fi roorroon bifa hundaan lammiwwan Oromoo irratti geggeeffamaa dhaabsisuuf akka Mootummaan Ameerikaa dhiibbaa godhu gaafanna” jedhu qindeessitoonni hiriira kanaa.
Gabaasaa guutuu armaa gadiitti dhageeffadhaa.