Xurree ittiin seenan

Breaking News

Abbaan Alangaa Federaalaa Itiyoopiyaa Qabeenyaan Namoota Himatee Haa Dhaalamu Jedhe


Abbaan alangaa Federaalaa Itiyoopiyaa namoota shororkeessummaa fi himannaa biyya ganiinsaan xumura waggaa darbee himate 24 keessaa qabeenyaan namoota sadii akka dhaalamu mana murtiif gaaffii dhiyeessee jira.

Qabeenyaan obbo Andualem Araagee, kan Iskindir Negga fi obbo Abbebee Belew akka dhaalaman abbaan alangaa dursee gaafatu iyyuu manni murtii federaalaa dhaddachi sadaffaan qabeenyaa gaaffiin irratti dhiyaate irraa dantaa qabna, mirga keenya kanneen jedhan yoo jiraatan akka dhiyaatan beellamee ture.

Akkuma kanaan manni murtichaa qabeenyaa obbo Iskindirii fi kan obbo Abbebee gama ilaaleen namoota dhimmi isaa nu galcha jedhuuf abbaan alangaa akka dhiyaatan xalayaa ittiin ga’uu gaafatee jira. Abbaan alangaas namoota sana kan hin arganne ta’uu isaa ibsee jira.

Abukaatoon obbo Andualem obbo Deribew Temesgen VOAf akka ibsanitti haati warraa obbo Andualem Dr. Selam Aschaalee dhimma kana ilaalchisee mana murtiif yaada qaban ibsaniiru. karaa Abukaatoo isaanii ibsa kennaniin himannan abbaa warraa isaanii irratti dhiyaate qabeenyaa isaa waliin kan wal qabate miti. Manni murtii gad aanaa murtiin kenne mana murtii ol aanaatti waan iyyateef xmura hin argatn jira.

Manni murtichaa sababaalee kana hin simatu yoo ta’es mirga haadha warraa fi ijoollee isaa akka nuuf eegu gaafannaa jedhee jira. Manni murtichaas yaada gama maraa dhaggeeffachuuf sadaasa 28 bara 2005 beellama ka biroo kennee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG