Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriira Irratti Lubbuun Namaa Dhabame Jedhu Barattoonni Poolisiin Immoo Dhara Jedha


Hiriirri mormii barattoota Godinaalee Oromiyaa adda addaa keessatti geggeessamaa jira. Akka jiraattonni fi barattoonni jedhanitti, bakkaawwan adda addaatti haga lubbuun namaa dhabamutti illee midhaan barattoota irra ga’ee jira. Yunivarsitii Haromaayaa keessatti, hiriira kaleessa geggeessame irratti tarkaanfii humnoonni mootummaa fudhataniin barattoonni lama du’uu dubbatu barattoonni Yunivarsitichaa. Kan maqaan isaa akka himamu hin feene baratan tokko akka ibsetti hiriira farra maastar Plaanii geggeessuuf wixata ganama walitti qabamne.

Barattoota Yunnivarsitii Haromaayaa
Barattoota Yunnivarsitii Haromaayaa

Kan durumaan mooraa keenya weerare humni poolisii garuu gaazii imimmaansuu nutti biifee, ulee dhaan nu reebuu qabe jedhee jira. Barattoonnis mormii isaanii dhaabuu waan didaniif jecha barattoota irratti tarkaanfii humnaa fudhachuuf utuu ari’uu, barttoonnis utuu jalaa baqatanii baratan tokko dhakaan mataa isaa irra rukutamee erga kufee booda mana yaalaatti geessamus lubbuun ooluu hin dandeenye jedhee jira.

Baratan ka biroon illee poolisii jalaa dheessuuf utuu fiiguu doormii isaa seenee miliquuf yaalii godheen gara foddaa utaalee lubbuun isaa darbuu dubbata baratan kun.

Wallagga lixaa magaalaa najjoo, Gullioo fi Dambi dolloo fi Yunivarsitii Madda Walaabuu keessatti mormii geggeessame irraan kan ka’e haalawwan uumaman jiraattonni naannoo nuuf ibsanii jiru.

Hookkara uumame kanaaf deebii akka nuu kennaniif sadarkaa itti aanaa komiishineraatti abbaan deemsa dhimmoota kominikeeshinii poolisii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Solomon Taaddesee barattoonni bakka garaagaraatti hiriira geggeessuu isaanii amanuu dhaan barattoota mara osoo hin taane farreen nageenyaa muraasatu adeemsa barnootaa danquuf kana godha jedhan.

Lubbuun namaa darbe hin jiru, kan hidhamanis kanneen dubbii kana qindeessuu yaalan afurii fi shan hin caalan. Kan dhukkubsatee mana yaalaa jirus barataa dhakaa darbuun ofii isaa gamoo irraa utaale jechuu dhaan innis yaalamaa jira, nutis hordofaa jirra jedhan.

Gabaasa hiriira mormii Haromaayaa armaan gaditti dhaga'aa
please wait

No media source currently available

0:00 0:23:29 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG