Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriira Barattoota Oromiyaa Keessaa fi Deebii Mootummaa


Hiriira barattoota Oromiyaa
Hiriira barattoota Oromiyaa
Gabaasa kutaa duraa
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:00 0:00
Xurree marsariitii

Gabaasa kutaa lammataa
please wait

No media source currently available

0:00 0:14:27 0:00
Xurree marsariitii

Torban tokko duraa jalqabee, hiriirri barattootaa, Shawaa Lixaa magaalaa Giincii keessatti geggeessame, hidhamuu namoota hedduu dhaqqabsiise – jedhu – jiraattonni magaalattii. Paartiin mormituu Kongiresiin Federaalawa Oromoo immoo, kaleessa magaalaalee lama ka biroo, Jalduu fi Najjoo keessatti, har’a immoo Ambo, Mandii fi Qilxuu-Kaarraa keessatti hiriirri barattootaa kun itti fufee geggeessamuu isaa dubbatu.

Hiriira barattootaa Oromiyaa
Hiriira barattootaa Oromiyaa

Giincitti lafti mana-barnootaa fuudhatamee, kaabinee aanaa sanaaf kennamuu, isteediyeemiin Giincii gurguramuu, ka magaalaa Giincii cina jiru – bosonni Cillimoo namoota dhuunfaatti gurguramee muramuu jalqabuu mormina – jechuun, hiriira barattoonni geggeessanii fi tarkaanfii humnoota mootummaatiin fudhatan - jedhame, akkasumas, hiriirawwan wal-fakkaatoo Jalduu fi Najjootti, Mandii fi Qilxuu Kaarraatti itti fufan jedhamaniif, qaamni mootummaa Raadiyoo Sagalee Amerikaatiif deebii kenne.

Sadarkaa Itti-aanaa Koomishinaraatti, Abbaan Deemsa Hojii Dhimmoota Koominikeeshinii Koomishina Poolisii Oromiyaa – Solomoon Taaddesee, Giinci keessatti hiriirri geggeessame sun hiriira bifa nagaan geggeessame otuu hin taane, ka qabeenyaa namoota dhuunfaa caccabsuu fi humnoota nagaatti dhagaa guuruutti deeme waan ta’eef, tarkaanfiin seeraa fudhatamuu dubbatu.

Sababaa kanaan barattoonni adda durummaan geggeessuun isaanii beekame kudha-afur qabamanii ka seeratti dhiheeffaman ta’uu dubbatu. Ka magaalaa Jalduu keessaa garuu, hiriirri geggeessame nagumaan xumurame, jedhan.

Hiriirawwan barattootaa Oromiyaa keessaa ilaachisuuf gabaasaalee dhiheessinee fi deebii Aangawaa Poolisii Oromiyaa guutummaa isaa dhaggeeffadhaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG