Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriirawwan Har’aa Oromiyaa Keessaa fi Tarkaanfii Humnoonni Mootummaa Fudhatan, Jedhame


Hiriira Mormii Gujii, Oromiyaa
Hiriira Mormii Gujii, Oromiyaa

Oromiyaa keessatti bakkawwan har’a hiriirri itti geggeessame keessaa tokko - Harargee Lixaa, aanaa Doobbaa, magaalaa Biyyoo-Karaabaa ti.

Hiriirichi, waaree sa’aa ja’a irraa jalqabee haga waaree booda sa’aa sagalii fi walakkaatti geggeessamuu isaa ka nuuf ibse – hirmaataan hiriirichaa fi jiraataan magaalaa Doobbaa – qonnaan-bultoota kumaan lakkaawaman tu hiriirichatti jedha.

Hiriicha bittimsuudhaaf, jalqaba poolisoonni araddaa namoota reebuu fi rasaasa dhukaasuu isaanii, booda immoo humna dabalataa – poolisoota Oromiyaa fi ka Federaalaa waammachuu isaanii dubbata – jiraataan magaalaa Biyyoo Karabaa kun.

Himannaa jiraattota aanaa Doobbaa, magaalaa Biyyoo-Karabaa kanaaf deebii argachuuf – aangawoota Godinaa Harargee Lixaa fi kan aanaa Doobbaatti deddeebisnee deebii argachuu hin dandeenye.

Gama biraatiin godina Gujii aanaa Gooroo-Doolaa magaalaa Har-Qalloo keessatti baratonni har’a hiriira mormii dhageesisanii jiru.Gaaffiin barattoota kanaas hojii warqee qotanii baasuu kan Sheek Alaamuddiin gaggeessan haa dhaabatuu, kanneen hidhaman haa hikaman, gaaffiin keenya deebii haa argatu, kanneen jedhanii fi kanneen biroo ta’uu barattonni ibsanii jiru.

Maanguddoota barattoota waliin hiriiruun gaaffii isaanii aangawootaaf ibsuuf turan aangawoonni “wal geenya” jechuun erga barattoota irraa adda baasanii booda humna Federaalaa nutti waamuun nu reebsiisan jedhu barattonni. Mgaalaa Har-Qalloo eegumsaa fi muddamsa jabaa jala kan jiru ta’uunis ibsamee jira.

Hiriira kana ilaalchisee, aangawoota Mootummaa Godinaa Gujii dubbisuuf carraaqqii goone iyyuu, haga ammaa hin arganne.

Gama biraatiin, jiraattonni Godinaa Shawaa Lixaa, magaalaa Jalduu akka jedhanitti – “Haga barattoonni fi Oromoonni kaan hidhaman hiikamanitti, haga kanneen ajjeesamaniif gumaan ba’utti hin barannu” jechuudhaan kanneen kamisa dabre kana hiriira mormii bahanii turan – barattoonni manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaa magaalattii keessaa, Har’a illee “gaaffiileen keenya deebii hin arganne” jechuudhaan, manneen barnootaa isaanii gad-lakkisanii bahan.

Barattooti tun Gurrandhalaa,7,2016 walgahanii mana barnoota isaaniitti himan. Manii barumsaa deebii kenna jedhullee deebii quubsaa hin kennine jedhan jiraattotii tun.

Rakkoon jedhaman deebii argachuu dhabnaan hardha mana barumsaa dhiisanii bahan.Tana irratti gama bulchiinsa naannoo deebii argachuu hin dandeennee.

Gama bulchoota aanaa Jalduu keessaa bulchiinsa mana barumsaa fi bulchiinsa poolisii aanaa irraa deebuu argachuuf yaallee hin taane.

Guutummaa qophii keenyaa dhaggeeffadhaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:12:58 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG