Xurree ittiin seenan

Breaking News

Filannoo Giddu-galeessa Marroo irratti eenyuutu milka'aa ?



Uummatni hedduun rakkoo dinagdee biyyattii mudateen waan miidhameef aarii irraa ka’anii Paartii irra-jireeessa aangoo harkaa qabu ka Dimookiraatotaa irraa fuula deebifate jedha Jawaar. Garuu, silaa uummatni bilchinaan gad-fageessee yaade tahee, kufinsa dinageef sababaan ka Mootummaa kana dura ture Mootummaa Rippaablikaanii ti” jedha.



Akka Rppaablikaanonni Mana-maree Bakka-bu’ootaa keessatti sagalee wayyabaa argataniyyuu, Mana-maree Murtii Seeraa keessatti barcuma irra isaan aansu argachuu akka hin dandeenye ka dubbatu, Dargaggoo Jawaar, "Garuu, Mana-maree lameen irratti irra-aantummaa argannaan hojiin isaanii guddaan jijjiiramni gaariin haga ammaa Obaamaan godhe kun akka of duuba deebi'u gochuudhaan yokaan hojii hoji-raaw'achiistuu waggoota lamaan dhufaniif danqanii qabuun laamshessanii, yeroo filannoon prezidaantummaa dhihaatu 'ilaa Mootummaan kun homaa hin hojjenne' jedhanii yakkuu fi akka Prezidaant Obaamaan filannoo hin injifanne gochuu yaaluu malu." jedha.

Waaa'ee duula dorgommii filannoo Rippaabilikaanotaa fi Dimookiraatota gidduutti haga guyyaa kanaatti geggeessamaa "Rippaablikaanonni siyaa'ina guddaadhaan ololaa turan. Maallaqa guddaa itti baasan. Seerri dur akka Kaampaaniileen guguddoon duula filannoof maallaqa gargaarsaa hin kennine ugguru illee mana-murtiin kaasamuun isaa gargaarsa guddaa isaaniif tahe." jedha.

Gaaffii fi deebii guutuu MP3 tuquun dhaggeeffadhaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG