Xurree ittiin seenan

Breaking News

USA Votes 2010


USA Votes 2010
USA Votes 2010

Gaafa Kibxataa, kutaalee Yunaayitid 50 keessatti lammiwwan sagalee kennan bulchitoota kutaa isaanii, akkasumas nama Mana-maree Bakka-bu'ootaa Yunaayitid Isteets keessatti isaan bakka bu'u filatu. Qalbiin namaa barcuma Mana-maree eenyu tu irra-aantummaan qabata, ka jedhu irra jira. Filannoo kanaan miseensota Mana-maree Bakka-bu'ootaa guutuu fi miseensota Mana-maree Murtii-seeraa sadii irraa harka tokko tu filatama. Ba'iin filannoo kanaa ka bara 2008 sagalee guddaan filataman prezidaanticha Dimookiraatii, Baraak Obaamaa, fi Rippaablikaanota gidduu dhaa yokaan Dimookiraatota ajandaa Bulchiisa Obaamaa ka waggoota lamaan dhufanii deggeranii fi kanneen moman gidduu dhaa madaaliin humnaa gama kamitti akka jallatu murteessa.

XS
SM
MD
LG