Xurree ittiin seenan

Breaking News

Filannoo Walakkeessa Marroo ykn “Midterm Election” fi Navaadaa


Filannoo Mana-maree Bakka-bu’otaa fi Mana-maree Murtii-seeraa kan Yunaaytid Isteets kan “Mid Term Election” ykn Filannoo Walakkeessa Marroo jedhamuun beekamuu Sadaasa 2 bara 2010 guutummaa biyyatti keessatti gaggeesama. Filannoo kana irratti miseensonni paartii Rippaablikaanii mana maree lamaan irratti irra-aantummaa argatanii imaammata Prezidaant Obamaa irratti dhiibbaa gochuu danda’u jedhamee sodaatamaa jira.

Mana maree murtii seeraa keessatti hogganaan sagalee wayyabaa Dimokraatichi Haarii Riid fi Tii Paartii irraa immoo miseensittiin mana maree kutaa Shaaran Enjil kan keessatti dorgoman kutaa Nivaadaa keessatti duulli filannoo gaggeefamaa jiru jabaa ta’uun ibsamee jira.

Kutaa Nevaadaa keessatti kanneen Tii Paartii deggeran waan heddummaataniif jecha injifachuun Mr. Riid salphaa hin ta’u kan jedhan Obbo Mahaammad Abduu, "garuu, abdiin keenya isumatu mo’a, ka jedhu" jedhan.

"Jarreen Tii Paartii kun namoota biyya adda addaa irraa gara Amerikaatti godaanan hin fedhan, sababaan isaas carraa hojii fi kanneen adda addaa lammiiwwan biyyattitti dhiphisan jedhan ilaaluu" jedhu Obbo Mohaammad.

"Prezidaant Obamaan waggoota darban lamaan keessatti waan danda’ame gochuuf carraaqanii jiru" kan jedhan Obbo Mahaammad
halkan tokkotti waan hundumaa wal qixxesuun waan hin danda'amneef, yeroo dabalataa argatanii karoora lafa ka’an akka milkaa’inaan geessisan, uummanni ba’ee sagalee kennuufii qaba" jechuun deggersa Mootummaa Obaamaaf qaban ibsan. .

MP3 tuquun guutuummaa isaa dhaggefadhaa 

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG