Xurree ittiin seenan

Breaking News

Uummatni Rakkina Dinagdee Hamaa Isa Mudateef Furmaata Hatattamaa Dhabuu Irraa Aaree Dimookiraatota Irraa Fuula Deebifate’



Demokiraatonni dantaa uummataa karaa fayya, karaa nageenyaa, karaa dinagdeetiinis wayyeessuuf tattaaffii guddaa waan godhaniif paariin rippaablikaanii garuu eegdu dantaa warra tujaaraa waan tahaniif sagalee koo kan ani kenne dimokraatotaafi, jedhu Georgia state University irraa Dr. Mohamed Hassan.

Dinagdeen biyyattii baay’ee kan gad bu’e yeroo rippaablikaanonni aangoo irra turani. Rakkoo yeroo dheeraaf ture amma jedhanii amma hiikuun rakkisaa dha, uummatichi dinagdeen isaa waan miidhameef aarii isaa dimookraatota irratti ba’uu fedha. Sababiin isaas aangoo irra kan jiru isaani. President Obamaa fi paatiin isaanii seerota utuu hin baafne ta’ee dinagdeen biyyattii ittumaa gad kufa ture. Kanaaf gama maraanuu biyyattiif kan fayyadan dimokraatota. Kanaaf sagalee koo isanaiifan kenne ka jette immoo Tsion Tsegaye ti White Hall, pennsalvania irraa.

Humni bulchiinsa mootummaa Amerikaa hagi guddaan harka paartii prezdaant Obaamaa faa, harka dimookiraatotaa ka turte amma lamatti bahuun mirkana. Paartiin Rippaabilikaan moohachaa dhuftee waan jiraa irraa qoodate, jedhu, Oromoonni lammii Ameerikaa akka Eeliyaas Ibsaa kutaa Texas irraa,Obbo Jeyluu Damboobaa Washington DC irraa, Obbo Biiqqaa Jiloo Minesootaa irraa.

Xiinxalaan siyaasaa dargaggoo Jawaar Mohaammad immoo Minesootaa irraa ibsa nuuf kenneen, “filannoon geggeessamuutti jiru kun paartiin akka mohachuuf jiran agarsiisa. Sababaan isaa uummatni hedduun rakkoo dinagdee biyyattii mudateen waan miidhameef aarii irraa ka’anii Paartii irra-jireeessa aangoo harkaa qabu ka Dimookiraatotaa irraa fuula deebifate. Garuu, silaa uummatni bilchinaan gad-fageessee yaade tahee, kufinsa dinageef sababaan ka Mootummaa kana dura ture Mootummaa Rippaablikaanii ti” jedha. Tahus, Rippaablikaanonni Mana-maree Bakka-bu’ootaa keessatti sagalee wayyabaa argataniyyuu, Mana-maree Murtii Seeraa keessatti barcuma irra isaan aansu argachuu akka hin dandeenye dubbata.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG