Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walloo Gama Kibbaa Keessatti walitti bu’iinsi poolisii waliin uumame lubbuu galaafate.


Walloo gama kibbaa keessa kanneen jiran magaalaalee Dagaanii fi Garbaa keessatti walitti bu’iinsa uumameen lubbuun namaa kan darbe ta’uu jiraattonni naannoo dubbataniiru.

Daragaggoo Abubukan kan jedhamu sababaa malee poolisootaan qabamee mana hidhaatti geessamuun ittiin ka’umsa walitti bu’iinsa sanaa kan ta’e ta’uu kan dubbatan jiraattonni magaalaa Dagaan lafa dagarggoon kun itti geessame jedhame magaalaa Garbaa dhaquu dhaan konkolaataa mootummaa keessatti waan arganiif jecha poolsiin utuu hin argin dargaggoon kun konkolaataa irraa bu’uu uummatatti dabalame. Booda irras gara irraa dhufe magaalaa Degaanitti erga deebi’ee booda, sagadaaf uummati masgiida keessatti wal ga’ee utuu jiru dhukaasa humnootiin mootummaa bananiin namoonni afur du’uu isaanii dubbatu jiraattonni kun.

Sababaa humnooti kun namoota nagaa qabaniif kan hin beekne ta’uu dubbatanii yeroo ammaa magaalaalee lamaan humnootii Federaalaan marfamanii, hojiinis dhaabatee kan jiru ta’uu ibsaniiru.

Gaaffii di Deebii dhaggeeffadhaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:19 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG