Xurree ittiin seenan

Breaking News

Galaanaan Nyaatamanii Hafuun Carraa Keenya Ta’e Kutaa 2ffaa


Torban kana keessa andaara galaana Bosaasoo kan puuntlaand keessatti yaballi tokko garagaltee namoonni 55 eessa buuteen isaanii dhabamuu fi galaanaan nyaatamuu malu jedhuun Dhaabnii baqatootaa kan Tokkummaa mootummotaa ykn UNHCR beeksisee jira.

UNHCR akka jedhutti bidiruun humnaa ol nama feete sun kan garagalte imaltoota Bosaasoo irraa fuutee karaa erga jalqadee daqiiqaa 15 booda.

Jiraattonni naannoo akka jedhanitti yeroo balaan kun dhaqqabetti haalli bubbeen qilleensaa hamaa waan tureef sababaa ta’uu mala.

Balaa kanaan kan midhaman irra hedduun Oromootaa fi lammiiwwan Somalee kan Puntland utuu hin taane kan somalia ishee guddittii kanneen gara Yemenitti ce’uuf namoota seeraan ala namoota deddeebisan mindeessan turan jedhama.

Garuu jiraattonni magaalaa Bosaasoo hedduu fi kanneen balaa Sana irraa lubbuun hafan balaa kana kan ilaaleen gabaasaalee adda addummaa qabu Raadiyoo sagalee Amerikaa sagantaa Afaan Oromoof kennan.

Namoonni balaa sana irraa lubbuun hafan lama bakka dhokatanii jiran irraa akka dubbataniitti namoota seeraan ala nama deddeebisanin tumamanii galaanatti kan darbaman ta’uu iibsanii imala balaa irra nu buuse kanaaf maallaqa baafne jedhan.

Kanneen lubbuun irraa hafan kun lamaan Oromoo yoo ta’an akka hamaatti miidhamanis yoo argamne qabanii biyyatti nu deebisu jedhanii aangawoota puuntlaand waan sodaataniif wal’aansa ogeessa fayyaa ituu hin argatiin kan jiran ta’u dubbatan.

Bidiruun balaa wal fakkaataan isa mudate lama ta’u fi lakkoobsi namoota irra turaniis kan angawoonni lafa kaa’an 55 ol ta’uu kanneen lubbuun hafan kun raadiyoo sagalee Amerikaaf ibsaniiru. Garu Gabaasi kun mirkanii hin argatiin jira.

Jiraataan magaalaa Bosasoo tokko ibsa kenneen hanga ammaatti reeffi namoota 39 argameera. Balaan kun kan dhaqqabe Kibxata darbe ta’uu kan beeksisee UNHCR balaan kun hamaa fi kan lubbuu nama heddu galaafate ittiin jedhejira.

Jaarmayoota gargaarsaa biraa akeekkachiisi kennamus waggaa kana keessa namoota kuma 100 ta’antu galoo galaana Aden fi galaana diimaa qaxxaamuranii jiru jedha.

gabaasa guutuu armaan gaditti caqasa
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:18 0:00
Xurree marsariitii


Gaaffii fi deebii kutaa 3ffaa armaan gaditti caqasa
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:36 0:00
Xurree marsariitii
XS
SM
MD
LG