Garee finxaaleyyii islaamummaa ISIL jedhamuun kaleessa kanneen Libya keessatti ajjeefaman lammiiwwan Afriikaa kan Itiyoopiyaa ta’uu waajjirri dhimmootii kominikeeshinee mootummaa beeksisee jira.
Lammiwwan biyya alaa kanneen Afriikaa kibbaa keessa jiraatan irratti hokkaraa fi ajjeechaan gaggeeffamuu yeroo dheeraaf gabaafamaa ture.Torbanneen darban kana keessa magaalaa buufata doonii kan taate Darban keessatti haleellaa gaggeeffameen lubbuun namaa baduun akkasumas hedduun mada’anii mana yaalaa galuu isaanii ibsamee jira.
Caalaa agarsiisi