Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ofii Balaa Galaanaa Irraa Hafuuf Carroome, Firri Isaa Garuu Ni Ajjefame. Kutaa 1ffaa


Baatiin Caamsaa kan bara 2015 seenaa godaantootaa ykn baqattootaa kanneen galaana Medtreeniyaan keessatti lubbuu ofii dhaban hedduuminaan kan itti galmaa’ee ture. Baatii dhuma kana keessa Yoo xiqqaatee xiqqaate yeroo afur balaa adda addaa mudateen doniin galaanaan liqiimfamtee kaan immo Doniitu walitti rukutamee lubbuun baqatootaa darbe. Gara walakeessaa baatii Eblaa kana godaantoota 400 caalaa feete Naannoo Libiyaa irraa kan kaate Doniin tokko lafa biyya xaaliyaantti dhiyoo bakka ta’eetti galaanaan nyaatamte. Isaan kana keessaa kan lubbuun hafan 4 qofa jedha namnii maqaa isaa iafatti hin ibsine tokko. Waan akka uffataatti diratan kan bishaaniin akka hin liqiimfamne ittisu bitannee kaane, kanaaf lubbuun hafuuf carroomne jedha.

Ofii lubbuun hafuuf carroomu isaan gammachuu qabaatuus yaadii isaa hangii tokko gadda qaba. Firri isaa tokko kan inni “nuti ijoollee obbolaa ti” naan jedhe lammiwwan Itiyoophiyaa kanneen dhiyeenya kana ISIS ajjesee keessaa tokko. Isa qofa miti nama biraa isa waliin ajjefame nan beeka jedhe. Maal carraan wal afaan dhufe? Jechuun keessan hin oolu.

please wait

No media source currently available

0:00 0:09:17 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG