Xurree ittiin seenan

Breaking News

“Waa’ee Hidhaa Laga Abbayaa Itiyoophiyaan Walii-galtee Mallatteessuutti Jarjaruun Irra Hin Turre”


Hoogganoonni biyyotoa sadii – jechuun, ka Itiyoophiyaa, ka Masrii fi ka Sudaan, ittisa yokaan hidhaa Laga Abbayaa ilaalchisee gidduu kana walii-galtee tokko mallatteessanii jiran. Walii-galteen kun maal maal akka of keessaa qabu ibsamuu dhaa baate iyyuu, qajeelfamoota biyyoota sadeen gidduutti wal hubannaa uumu akka qabatee jiru tu dubbatama.

Waa’ee walii-galtee kanaa fi dhimma hidhaa Laga Abbayaa kana paartiileen mormitootaa ilaalcha akkamii qabu?

Gamtaa Medrek keessatti Itti-gaafatamaa dhimma ala ka ta’an – Dura-taa’aan Koongiresa Dimookiraatawa Oromoo – Dr. Mararaa Guddinaa, walii-galteen mallatteessame kun ka xujuraa ta’uu dhaa baate iyyuu akkan amma ilaalutti ka dantaa Masrii eegsisuuf balbala saaquuf fakkaata, jedhu. Akka Dr. Mararaan jedhanitti, bishaan hidhaa Abbayaa sun akka itti guutamu ilaalchisee Masriin ilaaluuf akka mirga qabaattu, akkasumas, akka inni itti hojii irra oolus akka Masriin ilaaluu mirga argatuu fi mirgawwan ka biroo kennuufiif ka deemu fakkaata.

“Kun immoo, gama mirga abbummaa Itiyoophiyaan Laga Abbayaa irratti qabduun kan hanqisu fakkaata” – jedhu – Dr. Mararaan. Hidhaan Laga Abbayaa sun naannoo daangaa Sudaanitti ijaaramuu, akkasumas, akkaataa hidhaan sun qonnaaf fayyaduu kennuu danda’utti itti yaadamee hojjetamuu hanqachuu – ka jedhan irratti komee qaban.

Itiyoophiyaan Laga Abbayaa irratti mirga Abbaa-biyyummaa guutuu qabdi - ka jedhan – Dr. Mararaan, kana irratti adda addummaan mootummaa Itiyoophiyaa fi nu gidduu jiru waa’ee tarsiimoolee itti fayyadama lagichaa ti, jedhu. Mootummaan faayidaa siyaasaa argachuuf ka jarjaree hojii hidhaa Abbayaa sana jalqabe ta’uu illee dubbatu.

please wait

No media source currently available

0:00 0:07:40 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG