WASHINGTON,DC —
Keenyaatti nama saddeetitti biyya nama miliyona 40 qabdu tana bulchuuf walti hafee dorgommiitti jira.Warra hujii tanaa dorgomuutti jiru keessaa tokko aabba Mohaammad Abduuba Diidaati.Nama nama ganna 39ti,eegee daldalatti deebihe malee barsiisaa mana barumsa sadarkaa lammeessoo Lanaanaati.
Gaafa jarii hujii tanaa dorgomu torbaan lamaan duratti waan egerii biyyaa hojjatan irratti wal falmu kaan dubbii qajeelfachuu fi waan jiraa diidessee dubbachuun isatti falmii sun moohate. Garaa hammeennatti hujii tanatti na seensise jedhe.
“Malii bultii Keenyaa cuftii waan hojjataatii miti,bulchootatti nu mormate,horii ummtaa nyaatanii balleessuutti jiran. Amma mootummaa hujii ummataa hojjatu feena.”
Keenyaan akka jecha Diidaatti biyya nami akka dhaala abbaa firii firaa,ilmii abbaa dhaaluut miti.
“Diidii nama Keenyaati,abbaa hiyyeessaati,warra wa dhabee wa dubbachuu dadhabee afaan tahaa,warra nama millatu dhabee dhaabatee jedhe.”
Akka warrii isa beeku jedhutti Diidii nama siyaasaa Keenyaa kana waan hedduun jijjiiruu fedhu.
Aabba Diidii haadha warra sadii qaba;sadeessoon Amiinaa Guyyooti.Jabeennaa jaarsa keetii maan jennaan.
Jaarsii kiyya obboleessa,hariyaa,nama warra ufii jabeeffatu,nama hiyyeessaa dhaabatu,yoo biyya tana bulchellee nama dadneetti itti qabuu jetti.
Yuusuf Alii Keenyaatti gaazexeessaa,Diidii waan hedduun qalbii nama seenee jedha.”
“Dhugaa dubbachuu,hiyyeessaa gargaaruu fi waan hedduun faarsan,warra maqaan gadi hin bahinuu hedduu maqaa isaanii gadi baasee waan hedduu midhaasse.”
Filannoo Keenyaa tana irratti nama Booranaa hedduutti perzdaantii,miseensa mana marii fi senetii dabalee waan hedduun dorgomuutti jira.
Mee waan aabba Diidaa fi jaartiin isaa Amiinaa Guyyoo dorgommii isaa irratti jedhan MP3 tana irraa caqasaa.