Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walitti Bu’insa Lubbuu Galaafate


Bulchiinsa naannoo Beneshaangul Gumuz aanaa BILDIGILUU magaalaa Daabus keessatti Guraandhala 27 bara 2013 gosni Bartaa Oromoota shan ajjeesuu isaanii jiraattonni naannoo ibsanii jiru.

Sababaa kanaa kan ka’e Oromoonni naannoo sana gad dhiisanii baqachuuf dirqamuu isaanii angawaan naannoo tokko ibsanii jiru. Bulchiinsa naannoo Beneshangul Gumuuz keessatti bulchaan aanaa Bildigiluu kan ta’an obbo Faysal Hassan walitti bu’iinsi hin turre namni ajjeefames hin jiru jedhu.

Namni dhuunfaan tokko namaa wajjin walitti bu’uu ni danda’a kan jedhan obbo Faysaal walgahii misoomaa naannoo sanatti gaggeeffamaa ture tokko irratti namni tokko waan jeeqeef qabuuf yaaliin godhamu ibsan. Kanaan alatti waan tokko hin jiru biyyi nagaa dha jedhu.

Gama kaaniin bulchiinsa naannoo Oromiyaatti bulchaan aanaa Manasibuu obbo Malkaamuu Tuujjbuaa namni shan ajjeefamuu mirkaneessan.

Kunis bulchiinsi naannoo Beneshangul Gumuz nama yakka hojjete ittiin jedhan qabuuf mana isaa Oromiyaa keessaa dhaqanii yeroo turanitti maatiin isaa bulchiinsa keenya keessa seentanii qabuu hin danddeessan jechuun falmuu isaanii irraa kan ka’e haalli isaa babal’atee lubbuu galaafate jedhan.

Gochi kun sadarkaa uummataatti moo kan caasaan geggeeffame? inni jedhu qoratamaa jira jedhan. Reeffi namoota awwaalamee ba’ee gara Oromiyaatti fidamuu akka qabu gaafanneerra jedhu.

Guutummaa qophii kanaa armaan gaditti caqasa
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:18 0:00
Xurree marsariitii


Gaafii deebii kutaa 2ffaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:00 0:00
Xurree marsariitii
XS
SM
MD
LG