Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kongiresiin Federaalstii Oromoo Mootummaan Yuniversitii fi Naannolee Ollaatti Beekaa Rakkoo Uuma Jedha


Akka jecha Dr.Mararaa Guddinaa,I/G Kongireesii Federaalsti Oromootti dhaabii isaanii barattoota Oromoo ka yuniversiti hari’mani fi kaan ammo adabaman irraa kahee gabaasa baase.

Kaan ammoo mootummaan dhimma musliimaa keessaa seenee amantii isaanii danqaa itti tahu isaatti akka isaan gabaasa kana baasan tolche.

Tana maleellee rakkoolee gara godina Booranaa,gama ,Harargee fi Gumuzii fi Wallaggaa keessatti uumametti akka isaan gabaasa kana baasan taasise. Tanaafuu akka jecha Dr.Mararaatti mootummaa beekaa yuniversitii fi naannollee ollaa tahan jidduutti rakkoo uuma.

Akka Dr.Mararaatti federaalizimmiin mootummaan hojjachuuniitti jiru saba walti buusuutti jiraa sirnii demokiraasiilleen biyya keessatti ijaaramuun dadhabuutti jira.
Gama kaaniin ammoo Ministirii Dhimmoota Federaalaa keessatti Itti gaafatamaan qunnamtii ummataa obboo Abebee Warquu,

“Mootummaatti nama walti buusa jechuun dhara,deemsii barnotoaa danqaa tokko malee nagaan geeggeefaa jira…mootummaa kan dhaabbatu ummataa qofaa..kan tures kanuma ..gama tokko goranii tokkoof looguuf yeron isaa erga darbe waggoota dheeraa lakkoofsiseera,”jedha.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG