Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itoophiyaa fi Keenyaan Humna Ibsee Doolara Biliyoona Tokko Caaltuu Waliin Galfachuutti Jiran


Akka Oduu Bloombergiti hujiin ibsee biyytii ollaan tun waliin qabaattu, Fulbaana jalqabanii,horiin huji tanaa $Biliyoona 1.864ti.Horii kana keessaa haga guddaa Baankii Addunyaatii fi Baankii Misooma Afrikaatti liqeen kenna,kaan ammoo biyyuma lamaanti baafata.

Humnitii ibsee Itoophiyaa fi Keenyaan waliin hojjachuuf kophiitit jiran.Humnitii ibsee ta HEP, Hydro Electric Power jedhan kun KM 1,070 dheeratti. Itoophiyaa Walaaytaa Soodoo kahee haga Keenyaa magaalaa Suswa gaha. Suswaan tun Naayroobi irraa km 100 fagaatti.

Ibseen galtu tun akka daarketera kanaatti ganna 5n duubatti Itoophiyaatti manneen kuma dhibba hedduutti ibsee galchiti.Ganna 5n duubatti hujiin isii dhumatti.
Dhaabii biyya Faransaay tokkolleen hujii tanaa doolara miliyoona 118 kenna.

Keenyaan ammoo horii kennaniif irratti doolara miliyoona 88 dabalti Itoophiyaan ammoo doolara miliyona 32 baaftee ufiin dandeetti akka daarketera baankii Afrikaa damee Afrikaa obboo Gebreheelitti.

Gama kaaniin ammoo WORLD ECONOMIC FORUM, ykn ammoo mariin mala jrieenna ykn mala bulti addunyaa,kora isaa Afrikaa kibbaatti taahen Afrikaan ammallee guddinnaan addunyaa duubuma jirtii jedhee walii gale.

Akka dansaa guddachuuf qabeenna jiru waliin gahuu,mootummaa biyya guddisu qabaachuu, carraan namaan guddisan hedduun jiraachuu wayyaa jedhe.

Dhaabii World Economic Forum jedhan kun dhaaba dhuunfaatii akka addunyaan gama cufaanuu bifa dansaaqabaattu tolchuuf abbootii siyaasaa,abbooti daldalaa, jaarrolee biyyaa, dhaabbilee gara garaa dabalatee gannuma gannaan mala jireenna addunyaa irratti mari’atu.

Afrikaan Kibbaa biyya guddachaa dhuftee Afrikaa dhiisii addunyafuu fkn taatu jedhani kora qahee isiitti taahan.

Mee Qophii teenna MP3 tana irraa nuu caqasaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG