Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namii Adoo Dandeettii Qabu Ufi Keessatti Beekee Guddifatee, Doktora Dhiisi Waan Fedheeyyu Hinuma Tahaa jetti, Tiyyaa Diidolee


Dr.Tiyyaa Diidolee
Dr.Tiyyaa Diidolee
Tiyyaa Diidolee barumsa doktorummaa ganna waggaa torbaa barattee Yuniversitii Goondariitii eebbifamuuf qophii jirti.

Namii beekumsaa fi dandeettii guddaa qaba,namii adoo dandeetit qabu ufi keessatti beekee guddifatee, doktorii dhiisii waan fedheeyyuu tahuu si dhowwaa hin jiruu jetti.

Tiyyaan jireenna baaddiyaa ka gufuu qoraattii hedduu qabu keessaa dhufte;jireenna baaddiyaa keessa dabaruun,waan hedduu dandeetta yo kana keessa baate, obsaa,jabeennaa fi waan baayee nama barsiisaa jetti.
Tiyyaan diqqeennaanuu barusma jaalatti,taatullee sadarkaa lammeessootti dhiyaannaan barnoota mi’eeffachaa dhufte.Ji’a lamaan duubatti doktorii taatee eebbifamti,maaniif doktora tahuu jaalatte jennaan.

“Durumaa akkanuma nama laalee, abboo namii akkamiin hojjatamee,abboo nama kanaayyuu adoo akka innii uumameen laalanii, jedhee gaafachaa bahe.Nama dhaabatee deemu kana woma isaatuu beekaa fedhaa jedhee ufi gaafachaa bahee gaafii tana ammoo yoo doktorii tahe deebii isii argadhaa jedhaa ufiin jedhe.”

Akka Tiyyaatti dhiiraa fi dubartilleen uumamaan gargar tahanillee dubartiin obsaan waan barattuuf jabeenna guddaa qabdi.Namii jabeenna ufii abbaatti guddifata. Taatullee ijoolleen dhiiraa akkuma ufii barnoota jabeeffatan,ijoollee dubraallee yaadanii barnootatti jabeessuu wayya.

Tanaafillee gaafan boqonnaa mana barnootaatii galtullee baaddiyaa keessa yaanee ijoollee barnoota irratti jajjabeessinee akka isaanillee wal guddisan gorsinaa jetti.

“Nama hedduutti isan eegataa jabaadhaa naa jedhiin.”

Tiyyaan sadarkaa tokkeessoo fi lammeessoo Nageellee Booranaa mana barumsa Gumii Gaayootti baratte.

Oromiyaa naannolee baaddiyaatti ijoolleen dubraa hosteelii keessa waan barataniif hosteelii sunitti jabeessanii gargaaranii jennaan lafa hedduu gahuu dandahan,Tiyyaalleen bulchoota godina isaanii hosteelii dubraa jiranillee tanuma dhaamti.

"Ijoollee tana akka ijoollee egerii faaydaa guddoo irraa argataniitti barsiisaa,jabeessaa jedhaan."

Yuniversitii Gonderiitii barana nama 100tti doktorummaa namaatiin eebbifama,tana keessaa namii haga diddamaa ijoollee dubraa ta hagii nama 10 Oromiyaa dhufan,waan baranneen akka Tiyyaan jettutti ummata gargaaruuf qophii jirraa jedhan.

Mee waan Tiyyaaa Gaafannee MP3 tana irraa caqasaa.

Mee tana ammoo caqasaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:13:21 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG