Xurree ittiin seenan

Breaking News

“Malaammaltummaan Itti qabata, Dhimmi Isaa Polotikaa Dha”


Sadarkaa Ministaraatti, Daarektarri Ol’aanaa Abbaa-taayitaa Galiiwwanii fi Gumrukii Obbo Melaakuu Faantaa, Itti-aanaa isaanii - Obbo Gebre-Waahid Gebre-Giyoorgis fi aangawoonni ka biroon -- akkasumas -- daldaltoonni gidduu kana qabamanii hidhamuun ni yaadatama. Mootummaa fi EHAADEG keessatti aangawaa ol’aanaa ka turan – Obbo Siyyee Abrahaa waggaa kudha-lamaa dura eega hidhamanii booda, aangawoonni sadarkaa kana irra jiran malaammaltummaa yokaan kachachalaatti shakkamanii hidhamuun kun ka jalqabaa ti.

As Yunaatitid Isteets ka jiru – Kolombiyaa Yunivarsitii irraa xiinxalaan siyaasaa, Jawaar Mohaammed, gaaffii fi deebii Dirree-Dimookiraasii ka Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf kenneen, “Aangawoonni qabaman namoota malaammaltummaan liqimfaman ta’uu isaaniif shakkiin hin jiru. Garuu, sababaan hidhamuu isaanii malaammaltummaa ta’uu kanneen shakkisiisan sababaalee hedduu tu jira’ jedha.

Akka Mootummaan jedhutti, aangawoonni Mootummaa fi daldaltoonni malaammatummaatti shakkamuun qabaman kun waggoota lamaaf hordoffii fi qorannaan dhoksaa irratti geggeessame, jechuun isaa eeruudhaan, “aangawoonni kun kanneen shakkamanii waggoota lamaaf hordofan yoo ta’e maaliif filannoo paartiilee EHADEG dhiheenya geggeessame irratti taayitaa irraa hin kaasamiin? Maaliif hojii paartii fi motummaa irra akka turan taasisame, garii inumaa maaliif taayitaan isaanii guddisame?’ falma, Jawaar.

Jawaar itti-fufuudhaan, “angawoota Adda Bilisummaa Uummata Tigiraay gidduu gurmuu wal-gaarerfatu lama tu jira. Gurmuu lamaan kana tu tokko isa kaan laaffisee gara fuul-duraatti barcuma Obbo Melles Ziinaawwii qabachuuf wal irratti duulaa jira,” jedha.

Guutummaaa gaaffii fi deebii Jawaar waliin geggeessame as irraa dhaggeeffadhaa.
XS
SM
MD
LG