Xurree ittiin seenan

Breaking News

Carraan Nu Eeggatu Du’a Qofa, Kan Biraa Hin Jiru.


Mooraa baqattoota Shuushaa
Mooraa baqattoota Shuushaa
Bara 2011 walitti bu’iinsa Libiyaa keessatti uumame dheessuun Baqatonni hedduun Tunisiyaa seenuun ni yaadatama. Baqattoota kana keessaa carraa biyya sadaffaa keessa qubachuu argatanii kan deeman jiru.

Garuuu kanneen amma iyyuu mooraa Shuushaa kan Tunisiyaa keessa jiraatan achuuma hawaasa biyyatti keessa makamanii akka jiraatan dhaabni baqattootaa kan Tokkummaa Mootummotaa ykn UNHCR ajaja kennee jira.

Kanneen ajaja kana fudhachuu didan immoo gara biyya irraa dheessaniitti deebi’uu danda’u jechuun nutti himame jedhu baqatonni. Baqatonni kun hedduun isaanii biyya irraa ba’anii sudaan eega seenanii booda Libiyaatti baqatanii turan.

Bakka bu’an UNHCR kan naannoo akka jedhantti carraan biyya sadaffaa keessa qubachuu waan hin jirreef hawaasa Tunisiyaa keessa qubatanii jireenya ofii gaggeessuu qabu.Garuu, gara biyya irraa dheessaniitti ha deebi’an jenne dirqisiisaa hin jirru, yoo jaalala isaanii ta’e garuu deebi’uu danda’u jedhan.

Baqatonni garu lammiwwan Tunisiyaa Araboota ta’an nama gurraacha ta’e hin jaallatan, kanaaf jecha sodaa nageenyaa qabna jedhu. Gara biyyaatti deebi’uufis mootummaan baqanne amma iyyu aangoo irra waan jiruuf hidhaa fi dararaatu nu eeggata jedhan.

Moraan baqatootaa Shushaa baatii Amajji dhumatti kan cufamu ta’uu UNHCR beeksisee jira.

Gaaffii fi deebii baqattoota mooraa Shuushaa waliin geggeeffame
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:05 0:00
Xurree marsariitii
XS
SM
MD
LG