Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waggaa Saddeeti keessatti yeroo jalqabaaf Hiriirri mormii geggeessame


Hiriira mormii Finfinneetti geggeessame
Hiriira mormii Finfinneetti geggeessame
Uummanni kumaan laka’amu kan irratti hirmaate hiriirri mormii kaleessa geggeessame waggoota saddeeti jechuunis erga bara 1997 qabee isa jalqabaa ti. Hiriirawwan akkasii geggeessuuf gareeleen mormituu eeyama dhabuu isaanii ibsaa turan.
Mootummaan Itiyoopiyaa gama isaan irra deddeebi’uun eeyama dhorkuu isaa haalee jira. Hiriirri kaleessaa kan geggeessamuuf ture ahundeeffamuun gamtaa Afriikaa kan waggoota shantamaffaa yeroo ayyaaneffametti ture.

Eegumsa poolsii ga’aa kan hin qabaanne ta’uu isaa kan ibse bulchiinsi Finfinnee guyyaa kaleessaa hiriirri akka geggeessamuu fi semayawi paartiinis kana irratti walii galuun isaa ni yaadatama.

Hiriirtonni 4 kiiloo dhaa ka’an gama piyaassaatiin darbuu dhaan siidaa ‘Dilachin” jedhamu kan mana poostaa fuullee jirutti eegumsi turee fi daandiin cufamuun isaa bulchiinsi Finfinnee waadaa seene eeguu isaa kan mul’isu ture.

Daandii isaan irra darban mara tiraafikiin kan cufameef hiriirtonni kun dhaadannoolee adda addaa dhageessianiiru, ergaawwan garaa garaa dabarsaniiru.

Hiriirri sun semayawi paartii dhaan haa qindaa’u malee paartileen mormituu biyyattii keessa sosso’an kanneen biroonis deggersa kannaniifii jiru. Miseenonni bulchiinsa paartilee MEAD, ANDINET, IDEPA fi kanneen biroon hirmaattota hiriira sanaa turan.

please wait

No media source currently available

0:00 0:04:24 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG