Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dorgommii Ijoollee Gannii 17 Gadii Shaashamanneetti moo'e,Itoophyiyallen Riwaandaa Moo'uf ‘Hin Shakkitu’



Godinaaleen Oromiyaa dhiyoo tana ‘Guddattoota Oromiyaa’ jedhanii ijoollee gannii 17 Shaashamanneetti wal dorgomsiisaa baahan akka bulchiinsii atileetiksii Oromiyaa jedhutti dorgommii tana bulchiinsa Shaashamanneetti moohate.

Kaayoon dorgommii tanaa akka bulchoota atileetiksii Oromiyaa keessaa obboo Neggaa Tujubaa jedhutti atileetoa dorgommii shaampiyoona Itoophiyaa dhiyaachuuttii jirutti Oromiyaa fulaa bu’anii dorgoman qopheessuu.

Gama kaaniin ammoo gareen kubbaa miilaa Itoophiyaa waancaa addunyaa bara 2014 dabruuf qophii jirtu, dhiyoottuu qophii waancaa Afrikaa bara dhufu Afrikaa Kibbaatti tapahtaniif qophaahuuf torbaanuma kana keessa Riwaandaa waliin taphatti.Akka leenjisaan gareen tanaa obboo Sewuent Bishawu jedhutti, “Rwaandaa moohachuuf shakkii hin qamnuu harka 100 moohannaa hin shakkinu.”

Taphataan kubbaa miilaa English Premier League beekamaan amma garee Turkish keessa tapahtu Didier Diergoba biyya isaa IVORY COAST-ti-haawwanii fi ijoollee dubraatii hospitaala shan jaaruuf qophii jira.Hujii tana dooalra Amerikaa miliyoona shanittiitti itti baha.

please wait

No media source currently available

0:00 0:06:10 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG