Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaa Shororkeessotaa ka Fulbaana Kudha-tokkoo Haala Jireenya Ameerikaa fi Addunyaa Jijjiire


Lammiwwan Ameerikaa Har’a, Fulbaana 11, bara 2001 waggaa kudha-lammaffaa Har’aa, haleellaa shororkeessummaa hamaa Yunaayitid keessatti geggeessamee lubbuu namaa gara kuma sadii galaafate, gadda guddaan yaadatanii oolan.

Biilsaalee lakkuu ka Daldala Addunyaa NEW YORK keessa turanii fi Biilsa Pentaagon andaara Waashingten jirutti xayyaarota buusuudhaan, akkasumas Pesilvaaniyaa keessatti, xayyaara ka biraa kuffisuun balaan guddaan gurmuun shororkeessotaa Alqaa’idaa jedhamu dhaqqabsiise sun ilaalcha Ameerikaa fi biyyoota Addunyaa hedduu jijjiire.

As kutaa Michigaan ka jiru, Keeteriing Yunivarsitii irraa - proofesara seenaa ka ta’an – Dr. Izqeel Gabbisaa, Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsa kennaniin, “haleellaan sun, halellaa guddaa dinagdee, siyaasaa fi haal jireenyaa Ameerikaa irra dhiibbaa guddaa kaa’e” jedhan.

“Yeroo haleellaan shororkeessotaa Yunaayitid Isteets irratti geggeessametti, Ameerikaan lola Addunyaa qabbanaawaa injifattee, dinagdee fi siyaasaan cimtee Addunyaa irratti humna guddoo tokkittii taatee turte. Addunyaan marti akka fakkeenyaatti gara Yunaayitid Isteets ilaalaa ture” kan jedhan, Dr. Ezqeel halellaa sanaa booda ilaalchi Addunyaan Ameerikaaf qabu gad-cabaa deemuu dubbatu.

Biyya keessattis, lammiwwan fi Mooutmmaan Ameerikaa yaaddoo keessa waan galeef, bilisummaan biyyattii keessaa ni dhiphate. Ulaa cufatti eegumsi cimee, akka fedhan sosso’uunii fi bakka fedhan sakattaa malee seenuun seenaa ta’ee hafe – jedhu – Dr. Izqeel.

Haleellaan shororkeessotaa kun Musliimota Ameerikaa fi biyyoota Addunyaa keessaa irratti dhiibbaa hamaa fiduu illee dubbatanii jiran.

Guutummaa gaaffii fi deebii kanaa dhaggeeffadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG