Xurree ittiin seenan

Breaking News

Irreechii Baranallee Biyya Keessaa fi Biyya Alaalleetti Qophii Bashannanaallee Itti Dabalatee Kabajame


Irreechii,akka namii hedduunuu beekuunitti galateeffannaa Oromooti, baruma baraan biyya keessaa fi alaalleetti ulfeessan.

Qophii baranaa Amerikaa kutaa MNtti qopheessan irratti sirbitootii Oromoo bebeekamoon akka Jaamboo Jootee,Abbush Zallaqaa,Hacaaluu Hundeessaa fi Nigusu Taammiraati ka imaltu udhufanilleen itti dabalamii ulfeessan.

Akka Saamii Mohaammed ka MN qophii tana dhaqe jedhetti qophiin tun akka Oromoo warra aadaa qabuu,waan qabu jabeeffatee addunyaa agarsiiftu taate irraa barachuu qofaa mitii ka wal hin beennellee walti fiddee jedha.

Irreecha Norwey,Osloolleetti akkanuma qopheessan.Akka Siidaa Tolosaa achii nutti himetti,namii seenaa hin qamne nama gara seenuu hin qamne, Oromoon amantiin duratti aadaa isaa innii walti qabutti walti fide,amantii fedhellee qabaatee maqaa waaqaa dhahee waan kadhauuf Irreechii Oromoo walti fuduuf qooda guddaa qabaa jedha.

Waan qaban jabeeffachuun ammoo dhaloota amma jiruu qofaa mitii ka egeriillee bu'aa qabaa jedha.

Jara MN fi ka Norweeyilleen qophii Irreechaa tana bashannallee itti makatanii namii sirbaa bule.

please wait

No media source currently available

0:00 0:09:33 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG