WASHINGTON,DC —
Atileetiin Itoophiyaa beekamaan amma Amerikaa,Atlaantaa Georgia jiraatu Badhaadhaa Girmbaa maratooni MARINE COPRS Marathon jedhan 38essoo moohe.Dorgommiin tun ta maqaa waraana Amerikaa garba irraatiin moggaasan.
Badhaadhaan karaa km 42 kana 2:21:32 fixate.Dubaraa keessaa ammoo loltuu Amerikaa Kelly Calweyitti moo'e.
Kellyn Amerikaa kutaa Koloraadootii dorgomte tun dorgommii tana 2:42:16tti fixatte.
Gama kaaniin ammoo warra dorgommii fardoo addunyaa dhiyoo tana DC,Istadiyoomi Convention Center moohe keessaa tokko Meredith Darts,intala ganna 16ti, Ohio, Amerikaa dhufte.
Gama kaaniin ammoo Ijoolleen dubraa kubbaa miilaatii fi diqqeennaan ispoortii akka kubbaa miilaa fa taphachiisuun dandeetti herregaatii fi saayinsii qaban jabeessaaf jedha gabaasii haaraan bahe tokko.
Dorgommii Fardoo Addunyaa Washington DCtti torbaan tokkoof dorgomaa bahan 55essoo warra moohe keessa tokko intala dubraa ganna 16 Ohio,Amerikaa dhufte,Merdiht Darts.Dartsiin tun diqqeennaanuu farda yaabbii jalqabdee asi gahee jeettee maatii isii irrallee tanuma akka dhaalte dubbatte.
Dorgommii torbaan tokkoo tana irratti farda qolchaa 500 addunyaa walti dhufe.Ka dorgommii Waancaa Perzdaantii jedhanii wal dorgosmiisan ammoo nama Kent Ferrington, nama Amerikaatti moohee doolara kuma 125 badhaafamte.