Xurree ittiin seenan

Breaking News

Oromiyaatti nama Harka 71 Caalutti Bisaan Dhugaatii Qulqulloo Argachuutti Jira Jedhan


Akka jecha I/G Biiroo Bisaan Oromiyaa, obboo Mootummaa Waaqasaatti namii Oromiyaatti bisaan dhugaatii argachuutti jiru harka 71 ya caale.

“Kan hojjachaa jirru Karoora guddinnaa fi tiraansifoormeeshiinii wagaa shanii qabanneeti… waggaa 2003-2007 kan karoofametti jiraa…kana keessatti bisaan dhugaatii Oromiya gara dhibbeentaa 100 oli guddisuufii..amma uffinsa bishaan dhugaatii dhibbeentaa 71.36 irra jirra.”

Akka obboo Mootummaatti karoorii bara 2005 akka dansaa deemee,ka bara 2006 kanallee jabeennaan itti jiran.Karoora Guddinnaa fi Jijjiirmaa waggaa shaniif qaban keessaa waggaa tokktti hafe.Hujii haftellee karooruma kanaan hojjatanii jedha obbboo Mootummaan.

Porojeektii bisaanii gugurdoo Oromiyaatti hojjachuutti jiran keessaa guddaan ka Booranaati, Magaadootti jalqaban dhuguutti jiranii,achiin ammoo baballisuutti jiran.

Ka gara Saaritee,Areeroo Mataa-Gafarsaa, Galchatii ammoo hagii tokko hujiin dhumattee, hag tokkotti ammoo mi’a hujii alaa eeguutti jiranitti jiraa yoo mi’ii dhufe hagii hafee hujiin dhumatte hujiin jalqaban.

Hujiin bisaanii Arsii-Nageellee,Shaallaa-Shiraaroo ta km 300 ammoo hujii guddoo hojjachumatti jiran.Porojeektiin gammoojjii Harargee Bahaa…Dhagaa Tolaallee hojjachumatti jiranii taatullee bara kana hin dhumatu.

Akka obboo Mootummaatti akkuma hojjachaa ta barana dhumattu eebbisaa ta hin dhumanne ammoo hojjachaa Oromiyaa bisaaniin wal gahahan.

please wait

No media source currently available

0:00 0:09:05 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG