Xurree ittiin seenan

Breaking News

Perzdaantii Afrikaa Kibbaa Ka durii,Nelson Mandellaa,’Madiba’ Hardha Awwaalan


Perezdaantii Afrikaa Kibbaa ka durii Nelson Maandellaa,Muddee 5,bara 2013 lubbuu dhabe,kalee Muddee 15 lafa maatii isaa Qunuutti awwaalan.
Perezdaantii Afrikaa Kibbaa ka durii Nelson Maandellaa,Muddee 5,bara 2013 lubbuu dhabe,kalee Muddee 15 lafa maatii isaa Qunuutti awwaalan.
Gochii Madiibaan,hariyaan Tate fi firii ammo maqaa akka akkaatiin yaama. Addunyaallee ammoo nama waan heduduf fakkeenna tahe jettee faarsiti,Nelson Maandellaa nama kun nama hujii dadansaa addunyaa faaydaa hedduu kennituun beekan ka lubbuu dhabe awwaaluuf nama kuma kurnya hedduutti dhufe.

Afrikaa Kibbaa bittaa appaartaayidii jalaa baasuu qofaa mitii,biyya namii adii fi gurraachaan wal jibbee wal hadhaa bahetti araaraa buusee nama miliyoona hedduutii fakkeenna tahe,Maandellaan.

Maandeellaan,Muddee 5,2013 lubbuu ganna 95tti lubbuu dhabe kana biyyitii bultii 10 bootteefii hardha ganama awwaalan.

Afrikaan Kibbaatti hujiin guddoo dhiyoo tanaa bulchaa isii ka durii awwaalachuu, Maandellaa hujiin faarsaa dhaloota dhufuu dhaamuu.Amnaootilleen manneen amantii ufiitti yaahanii waan waaqii gara Maandellaatiin isaanii kenneef galateeffachaa turan.

Waan namii Afrikaa Kibbaatii fi addunyaan jaarsa kanaan faarsan addunyaan ufumaan caqaftee daawatti.Reeffa perzdaantii kanaa akka ummatii bahee laalee jibbaatuuf guyyaa sadii ummataa dhiisan.Namilleen reeffa isaa kana lipheettumallee taatu arguuf dhaamochaa fi bokkaa keessa ejaajjee eegata.Nama kuma kurnya hedduutti bahee reeffa kana laale.

Maandellaa kana hardha lafa maatii isaa innii akka inaltii isaa anagafii, Nandi Maandellaa jettutti,faana duwwaa mana barnootaa itti deemaa bahe,Qunuutti awwaalan.

Reeffa Madiibaa alaabaa itti uyyisanii,itillee jala afanii ummata keessan deeman. Gama kaaniin ammo shaamaa 95 mirgaa bitaan marsan.Yoo awwaaluuf gadi buusan jeettii waraanaa jahatti gubbaa barrisa.

Akkuma aadaa gosa Maandeellaatti awwaaltuuf loon qalanii awwaalanillee akkuma aadaa isaaniitti tahe.Madiibaa waan hedduun faarsan.Itti gaafatamaan maatii isaanii, Ngangomhlaba Matanzima, “muka guddaatti nurraa qaari’ee” jedhe innii(Maandeellaa) asii achi ya warra ufiitti galee jedhe.

Perzdaantiin Afrikaa Kibbaa ka ammaa Jaakoob Zuumaa Afrikaan Kibbaa ilma angafaa dhabee jedhe.

Ahmed Katahra ka Maandellaa waliin ganna 26 cufaa hidhame Madiibaan nama Obsaa guddaa qabuun beeka jedhee faarse.

Itti aanaan paartii Afrikaa Kibbaa bulchituu,ANC, Cyril Ramaphosa ammo namii ciisu kun(Maandeellaa) ‘ilma keenna angafa,” jedhe.

Awwaala kana nama kuma hedduutti dhufee miliyoona hedduutti TV daawate.Warra dhufe keessaa,dureettii Amerikaa Opraa Winfiree,ilama nugusa Britsh Chaarles, nugusa Monaakoo Albert II,muummee misnistera Zimbaabuiwwee Morga Tsangiraa dabalee hedduu.

Maandeellaan haadha warraa lama irraa ijoollee shan dhale, ganna 27 hidhamee waan keessa dabre kitaaba isaa Long Walk to Freedom jedhu keessatti barreesse.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG