WASHINGTON, DC —
Dhiyeenya kanaa qabee hokkara sudaan kibbaa keessatti uumameen lammiwwan biyya alaa gara mooraa Tokkummaa mootummotaatti baqachuuf dirqamuu isaanii kanneen Raadiyoo Sagalee Amerikaa hasoofsisee dubbatanii jiru.
Keessumaa kutaalee looltooota mootummaa gananiin to’atamanii turan Jonglii fi yunitii keessatti saamiinsa, humnaan gudeeddii fi ajjeechaa hamaan dhaqqabuun ibsamee jira.
Dubbi himaan ministrii dantaa alaa Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii lammiwwan Itiyoophiyaa sudaan kibbaa keessaa baasuuf yaaliin itti fufuu isaa ibsanii obsaan dabaree eeggachuun akkaan barbaachisaa ta’uu hubachiisan.
Odeeffannoo barbaachisuu kannee kennuu fedhan immoo Embaasii Itiyoophiyaa Jubaa keessa jiru qunnamuu danda’u jedhan.