Xurree ittiin seenan

Breaking News

Cabbiin Jilballee Geettu Ammallee USA Kaaba-Bahaatti Baafattee Nama Kuma Hedduu Hujii Irraa Oolchite, Kuma 300 Irraa Ibsee Dhaamsite



Cabbiin akknaa USA gama Kaaba-Bahaatiin itti baafatte tun nama dhibba hedduu hujii irraa oolchite namii tana keessa makiinaa oofee wa tahelleen hedduu.
Cabbiin akknaa USA gama Kaaba-Bahaatiin itti baafatte tun nama dhibba hedduu hujii irraa oolchite namii tana keessa makiinaa oofee wa tahelleen hedduu.
Biyya USA ykn Ameriaka jennuun tanatti ammitii yoo cabbiin itti buutu taatullee,ta baranaa godina Kaaba-Bahaatti buute waan diqqaa asitti arganii beekanii miti.

Kalee galgala jalqabdee bu’aa bultee hardhallee ittuma jirtii,ollaanuu walti daanduu dadhabuutti jira.

Fulaan hedduutti tuulamtee dhundhuma geetti,haga gariitti ammoo jilbaa oli,fulaa tokko tokkotti ammoo metirii tokkoo gahuufuu jaluma jirti.

Amma godinoota Amerikaa garba Atlaantikitti dhiyaatan akka itti bu’uutti jirti.Qara godinoota Amerikaa Kibba-Bahaa waliin dhahaa dhuftee,Kaaba-Bahaa geennaan humna jabeeffattee, manneen barnootaa kuma hedduu,hojjattoota kuma hedduutii fi xuyyuura kuma hedduu hujii irraa oolchite.

Gara teessoo mootummaa Amerikaa,DC faatti cabbii seentimetirii 30 taatutti lafa ciisa,ollootaa DC alaatti ammoo cm46 geetti.VA fi MD faalleen rakkuma akkanaa keessa jiran.Namuu durattu beekkamtee nyaataa dhugaatii lafa jalattu bitatee qahee oole.

Geejjibaa karaa yaahu,xuyyuura,makiinaa,baabura,otoobusii fi wannii hedduun haga guddaan cabbiifiifuu chochohuu dadhabanii ufi irraa oolan.

Tana malee cabbiin lafa itti buute tanatti nama kuma 300 irraa ibsee dhaamsite.Gara godina Teksaas faatti makiinaan mumucaatee wal dhahee nama sadii fixe.Kaan karaayyuu hin yaahu.

Akka raagii qilleensaa jedhutti godina akka North Carolina,Atlaantaa, New York faatti cabbi hedduutti bu’e,haga tokkoo saantimetirii 20 taatuti rlafatti tuulame.

Cabbiin lafa cancaneessite tun caamaa deemuutti jirti hagasittu namuu karaa harachaa walti daanda.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG