Xurree ittiin seenan

Breaking News

Intaltii obboo Dibaabaa,Ganzabee Dibaabaa Addunyaa Afaan Qabsiisumatti Jirtii Torbaan Lamatti Marroo Sadii Fiiddee Moote



Atileeti Ganzabee Dibaabaa guyyaa 15 keessatti fiigicha addunyaa gugurdaa sadii moote
Atileeti Ganzabee Dibaabaa guyyaa 15 keessatti fiigicha addunyaa gugurdaa sadii moote
Atileeti Ganzabee Dibaabaa,intaltii obboo Dibaabaa Qananii ta ganna 23, tun guyyaa 15 keessatti marroo sadii fiigicha addunyaa rekordii haaraan moote.

Gurrnadhalaa 15, dorgommi km 4tti dhiyaattuy Birmingham UKtti moote. Dorogommii tana 9: 00:48 Ganzabeen mootee galtee jennana akkana jette:“Adoo fiiguu diqqoo jidduutti dadhabde taatullee nama na jajjabeessu caqasaa waan fiiguus moo'e.”

Ganzabeen torbaan lamaan kana keessatti metirii 1500tii 300 mootee rekordi haaraa argattee mootee dorgommii Soopoot Poolandiif qophiitti jirti.Achillee dhaqee warqii argiin galadhaa jetti.

Gama dhiiraatiin ammoo atileetii Itoophiyaa Mohaammad Amaanitti dorgommii metiri 800 1.44.53tti moohe. Atileeotii Itoophiyaa Alemnesha Belexee Beljiyuum Rosteselaaritt,Lalisaa Deesisaa Jimaata dabre UAE,magaalaa Ras Al Khaimahatti akkanuma moohan.

Alemnesh Bellexeellee dorgommii Rotselaar, Beeljiyumitti tokkeessoo taate. Dorgommiin Lotto Cross Country jedhan tunilleen dorogmmii IAAF qopheessu keessaa tokko.Alemneshiin tun dorgommii km 6.3 tana 20:39tti moote.

Gama kaaniin ammoo Olompikiitii Raashiyaa ittuma jiranii Amerika madaaliyaa fi Raashiyaan madaaliyaa 18 walqixxee tahan Nezerlnditti 17 faana jirti.Oloompikin Raashiyaa tun dorgommii atileetotii 3000 tahan biyya 88 irraa dhufan wal dorgoman.

Dorogmmiin cabbii irratti dorgoman tun guyyaa torbaan duubatti dhumatti.
Chelsiin 2-0 moohamatee dorgommii tana baate.Manchester Sitiitti moohee baase.

Gooli Manchester Sitii tana Stevan Jovetic fi Samir Nasri galcheef.Leenjsiaan Chelsea Jose Moriinoo moohamuun Chelsaea waan dhiifama qabaatii miti jedhe.

Dorgommii FA CUP,waancaa kubbaa miilaa Ingiliizi eegii jalqabanii torbaan 10esso keessa jiran.Kilaboota 736 jalqabee eegee ammoo amma kilaboota 8tti walti hafee. Abbaan moohate doolara miliyoona tokkoo caaltu baadhaafama.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG