Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Oromiyaa Du’aan Boqotan


Prezidaantii Bulchiisa Naannoo Oromiyaa fi Dura-taa’aa Paartii Mootummaa naannoo sanaa - Dhaabbata Dimookitaatawa Oromoo ka turan - Obbo Alamaayyoo Atoomsaa du’aan boqochuu isaanii, Mootummichi naannoo Oromiyaa beeksisee jira.

ISKINDIR FIREW - FINFINNEE irraa akka gabaasetti Obbo Alamaayyoon, dhukkuba isaan mudateen, umurii isaanii waggaa afurtamii-shaniitti Addunyaa kana irraa du’aan boqotan.

Duti Obbo Alemaayyoo wanna eegame - jechuun rakkisaa dha. Sabbaan isaa, itti-gaafatama guguddoo kana lameen baatanii haga dhiheenya kanaatti hojjetaa turan. Akka Lakkobsa Itiyoophiyaatti, Hagayya bara kuma lamaa fi lama irraa jalqabee -- dura-taa’aa DHDUO yokaan OPDO, Fulbaana bara 2003 irraa jalqabanii Prezidaantii Oromiyaa ta’uudhaan tajaajilan - Obbo Alamaayyoon. Itti-gaafama kana lameen qabatanii hojii itti fufuun isaanii -- rakkoo fayyaa qaban danda’auudhaan akka tahe dubbatu - maddeen Paarticha Mootummaa.

Ibsi Mootummaa Oromiyaa irraa bahes, kanuma mirkaneessa. Waggoota lamaan dabran keessa -- dabree dabree akka rakkoon fayyaa isaan mudataa ture dubbate. Taayitaa isaanii gad-lakkisuuf, ka Paartii isaanii -- Dhaabbata Dimookiraatawa Uummata Oromootti iyyannaa dhiheessatan garuu dhihoo dha. Torban lama dura. Itti-gafatama Paartii fi ka Mootummaa gad-lakkisuun isaanii beeksisamee, otuu waan hin turiin immoo duuti isaanii dhaga’ame.

“Obbo Alamaayyoo Atoomsaa - Itti-gaafatama guddaa Mootummaa fi uummatni itti kenne - amanamummaa fi fedhii uummata tajaajiluu guutuudhaan hojiin mul’isaa turan” - jedha - ibsi Har’a bahe kun.

Dhaabbatni Dimookiraasawa Uummata Oromoo - OPDO-n, walga’ii dhiheenya geggeesseen -- Obbo MUKTAAR KADIR, dura-taa’aa, Aadde Aster Maammoo immoo itti-aantuu gochuun filatee jira. Taayitaa Itti-aanaa Muummicha-ministaraatiin Qindeessaa Damee Bulchiisa gaarii fi Ministara Koolejii ka ta’an - Obbo Muktaar Kadir, Mootummaa Federaalaa keessatti itti-gaafatama guddaa dha kan isaan qabatanii jiran. Kanaaf -- Eenyu akka Prezidaantii Oromiyaa ta’uuf jiru haga ammaatti hin beekamne.

Obbo Alamaayyoo Atoomsaa, godinaa Wallagga Bahaa - aanaa Billoo-Bosheetti Abbaa isaanii - Obbo Atoomsaa Maajoo fi haadha isaanii - Aadde Ayyelech Birruu irraa, akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti bara dhibba kudha-sagalii fi Jaatamii tokko dhalatan.

Du’a Prezidaantii Oromiyaa - Obbo Alamaayyoo Atoomsaa ilaalchisuun, nama dur itti-dhiheenyaan isaan beeku tokko LONDON irraa dubbiseen. Akka lakkobsa Awurooppaatti bara 2001 irraa haga 2006-tti Prezidaantii Mana-murtii Walii-galaa Oromiyaa ka turanii fi booda gad-lakkisanii biyyaa ba’an - Obbo Tashaalee Abarraa ti. Du’a Obbo Alamaayyootti, maal akka itti dhaga’ame nuuf ibsuun jalqabu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG